2021-06-24 19:42:20
★GOGIINSA AFAANII
Gogiinsi afaanii rakkoo al-kallattii(side effect) wal'aansa fayyaa isiniif ajajameerra maddee ta'uu ni mala.
Maddisiftootni gororaa(glands) suuta hojjachuun isaanis sababii kan biraadha.
Gogiinsa afaaniin rakkooleen akka:-
1.Nyaatamuu ilkaanii,
2.Rakkina waa liqimsuu dadhabuufi
3.Miira dhamdhamaa dhabuuf nu saaxiluu danda'a yeroodhaan wal'aanamuu yoo dhiisne.
Mallatooleen kanatti aanee dhufu immoo:-
Hidhii goggoguu fi babbaqaquu,keessumattuu andaarota afaan keessaniirratti
Miira gubiinsa arraba keessanii
Nyaata nyaachuurratti rakkachuu,keessumattuu nyaatota goggogaa
Dhamdhama dhabuu
Ammaa amma dheebochuu
Dubbachuurratti rakkachuu fa'i
Qorichoonni(Dawaan) yeroo baay'ee gogiinsa afaanii fidan:-
➢Qoricha ukkaamama funyaanii(Decongestants)
➢Qorichoota fincaanii(Diuretics)
➢Farreen mujuchaa qaamaa(Antihypertensive)
➢Farreen wantoota qaamatti madaqanii(Antihistamines)
➢Farreen muusuu(Antidepressants)
#Faayidaan_Hancufaa_ykn_Gororaa:-
afaan jiisuu,
nyaata ilkaanota keessanirraa dhiquu,
akkasumas asiidota pilaak baakteeriyaa dhaan (plaque bacteria) uumamanii ilkaan tortorsan dhiquu dha.
Haaluma maddisiifamni gorora keessanii hir'achaa deemuun xurii cimaafi nyaanni ilkaanota keessanirratti maxxanee ijaaramaa deema,kunis tortoruu ilkaani fi dhukkuba foon ilkaanii(irgee) fiduutti geessa.Namoonni gogiinsa afaanii qaban irra caalatti urachuu ilkaaniif kan saaxilaman yoo tahu kunis harka caalu gara hundee ilkaanota isaanitti taha.
Rakkoo gogiinsa afaanii qabdu yoo ta'e,furmaatni isaa akka armaan gadiiti:-
Ⓐ Ammaa amma bishaan dhuguu
Ⓑ Hancaqqee(maastikaa) shukkaarri itti hin heddummaanne fayyadamuu
Ⓒ Alkoolii dhuguu dhiisuu
Ⓓ Karameellaa yeroo hedduu fayyadamuu dhiisuu
Ⓔ Tamboo hin xuuxuu dhiisuu
Ⓕ Saamunaa ilkaanii filooraayidii qabu fayyadamuu
Ⓖ Waa'ee itti fayyadama diilalleessitootaa(moisturizing) kan akka lulluuqqii afaanii fayyadamuu
**Tortoruu ilkaanii hir'suuf:-
waan mi'aawaa ammaa fi amma nyaata isin nyaattan osoo hin ta'in guyyaatti naqa meeqa nyaattan isa jedhuudha urachuun ilkaan keessanii dabalaa akka deemu kan taasisu.
Jiidha afaan keessanii eeggachuuf karameellaa jajjabaa xuuxuu dhiisuun barbaachisaa dha.Yeroo baay'ee shukkaaratti fayyadamuun balaa isin urachuu ilkaaniif saaxilamuuf qabdan dabala.
Bishaan filooraayidii qabutti fayyadamaa
Dhugaatota lallaafoo guyyaa guyyaatti qofa qofaasaanii dhuguurra nyaata yeroo nyaattanitti dhuguun ni filatama.Asiidiin kaaffiin jedhamu (kan amala garaa gogsuu qabu) fi shukkaarri dhugaatota lallaafoo idilee keessa jiru qaamni ilkaanii irra gubbaa jiru garmalee akka dhiqamu taasisuudhaan caalmaatti nyaatamuun ilkaanii akka uumamu taasisa.
Yoo danda'ame yeroo mara nyaata booda ilkaan rigachuu
#GALATOOMAA
742 views16:42