Get Mystery Box with random crypto!

Dr FOZI DENTAL CLINIC

የቴሌግራም ቻናል አርማ drfozi — Dr FOZI DENTAL CLINIC D
የቴሌግራም ቻናል አርማ drfozi — Dr FOZI DENTAL CLINIC
የሰርጥ አድራሻ: @drfozi
ምድቦች: መዝናኛዎች
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 1.36K
የሰርጥ መግለጫ

Because your smile is important to us!

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 2

2021-09-20 19:11:45
QULQULLINA ILKAANII GAARIIF GORSA
GABAABDUU:-
ilkaan keessan saamunaa ilkaanii filooraayidii qabuun ganamaa fi galgala wayita rafiitiif qophooftan rigadhaa.Soorata fudhattan hunda booda yoo rigattan gaarii dha.
ilkaan jidduutti haftee nyaataa kuulaan(kirriin) guyyaa guyyaatti qulqulleessaa.
yeroo hunda nyaata booda rigachuun isiniif mijaawuu yoo baate,maastikaa(hancaqqee) shukkaara hin qabne alanfachuun barbaachisaa dha.

https://www.facebook.com/gadaa2011/
FAYYAAN FAAYA
586 viewsedited  16:11
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-09-20 10:14:41 Channel photo updated
07:14
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-09-20 10:12:29
ERGA ILKAAN NYAATAMEE FAAYIDAAN ALA TA'E
BUQQISIIFNEE BOODA MAAL GOCHUU QABNA?

Bakka ilkaan buqqa'e sanatti jirbii daqiiqaa soddomaaf(30)itti ciniinnee turuu ,
Hancufa keenya sa'aa 24f lafatti osoo hin tufne gara keessatti liqimsuu,
Sa'aa 24f jabeenya qaamaa dalaguu dhiisuu,sababni isaas bakka ilkaan irraa buqqa'ee dhiigni akka dhiigu waan godhuuf,Nyaatas ta'ee dhugaatii ho'aa fudhachuu dhiisuu,jiddu galeessa kan ta'e fudhachuu,
Taamboo xuuxuunis dhiigni akka hin dhaabbanne waan godhuuf ni harkisna yoo ta'e sa'aa #24f harkisuu dhiisuu,
Dawaa hakiimni ilkaanii isinii ajaje akka isinii #ajajameen fudhachuu,
Guyyaa #sadii booda dhukkubbiin yoo isinitti dhaga'ame,bishaan soogidda waliin danfisuun ganamaa fi galgala guyyaa shaniif lulluuqqatanii tufuu
Maloota armaan olitti heeramaniin yoo isinitti hin wayyoofne ta'e kilinika ilkaanii wal'aanamtanitti deebi'uun
hakiima keessan mariisisuu...

▼▼▼▼Galatoomaa▼▼▼▼▼
575 views07:12
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-07-02 21:25:43
739 views18:25
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-06-27 21:11:33 Channel name was changed to «𝐆𝐀𝐃AA Dental Clinic»
18:11
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-06-27 21:10:58 Channel name was changed to «𝐆𝐀𝐃𝐀𝐀 𝐃𝐄𝐍𝐓𝐀𝐋 𝐂𝐋𝐈𝐍𝐈𝐂»
18:10
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-06-24 19:42:20 ★GOGIINSA AFAANII

Gogiinsi afaanii rakkoo al-kallattii(side effect) wal'aansa fayyaa isiniif ajajameerra maddee ta'uu ni mala.
Maddisiftootni gororaa(glands) suuta hojjachuun isaanis sababii kan biraadha.

Gogiinsa afaaniin rakkooleen akka:-
1.Nyaatamuu ilkaanii,
2.Rakkina waa liqimsuu dadhabuufi
3.Miira dhamdhamaa dhabuuf nu saaxiluu danda'a yeroodhaan wal'aanamuu yoo dhiisne.

Mallatooleen kanatti aanee dhufu immoo:-
Hidhii goggoguu fi babbaqaquu,keessumattuu andaarota afaan keessaniirratti
Miira gubiinsa arraba keessanii
Nyaata nyaachuurratti rakkachuu,keessumattuu nyaatota goggogaa
Dhamdhama dhabuu
Ammaa amma dheebochuu
Dubbachuurratti rakkachuu fa'i

Qorichoonni(Dawaan) yeroo baay'ee gogiinsa afaanii fidan:-
➢Qoricha ukkaamama funyaanii(Decongestants)
➢Qorichoota fincaanii(Diuretics)
➢Farreen mujuchaa qaamaa(Antihypertensive)
➢Farreen wantoota qaamatti madaqanii(Antihistamines)
➢Farreen muusuu(Antidepressants)

#Faayidaan_Hancufaa_ykn_Gororaa:-
afaan jiisuu,
nyaata ilkaanota keessanirraa dhiquu,
akkasumas asiidota pilaak baakteeriyaa dhaan (plaque bacteria) uumamanii ilkaan tortorsan dhiquu dha.

Haaluma maddisiifamni gorora keessanii hir'achaa deemuun xurii cimaafi nyaanni ilkaanota keessanirratti maxxanee ijaaramaa deema,kunis tortoruu ilkaani fi dhukkuba foon ilkaanii(irgee) fiduutti geessa.Namoonni gogiinsa afaanii qaban irra caalatti urachuu ilkaaniif kan saaxilaman yoo tahu kunis harka caalu gara hundee ilkaanota isaanitti taha.

Rakkoo gogiinsa afaanii qabdu yoo ta'e,furmaatni isaa akka armaan gadiiti:-
Ⓐ Ammaa amma bishaan dhuguu
Ⓑ Hancaqqee(maastikaa) shukkaarri itti hin heddummaanne fayyadamuu
Ⓒ Alkoolii dhuguu dhiisuu
Ⓓ Karameellaa yeroo hedduu fayyadamuu dhiisuu
Ⓔ Tamboo hin xuuxuu dhiisuu
Ⓕ Saamunaa ilkaanii filooraayidii qabu fayyadamuu
Ⓖ Waa'ee itti fayyadama diilalleessitootaa(moisturizing) kan akka lulluuqqii afaanii fayyadamuu

**Tortoruu ilkaanii hir'suuf:-
waan mi'aawaa ammaa fi amma nyaata isin nyaattan osoo hin ta'in guyyaatti naqa meeqa nyaattan isa jedhuudha urachuun ilkaan keessanii dabalaa akka deemu kan taasisu.
Jiidha afaan keessanii eeggachuuf karameellaa jajjabaa xuuxuu dhiisuun barbaachisaa dha.Yeroo baay'ee shukkaaratti fayyadamuun balaa isin urachuu ilkaaniif saaxilamuuf qabdan dabala.
Bishaan filooraayidii qabutti fayyadamaa
Dhugaatota lallaafoo guyyaa guyyaatti qofa qofaasaanii dhuguurra nyaata yeroo nyaattanitti dhuguun ni filatama.Asiidiin kaaffiin jedhamu (kan amala garaa gogsuu qabu) fi shukkaarri dhugaatota lallaafoo idilee keessa jiru qaamni ilkaanii irra gubbaa jiru garmalee akka dhiqamu taasisuudhaan caalmaatti nyaatamuun ilkaanii akka uumamu taasisa.
Yoo danda'ame yeroo mara nyaata booda ilkaan rigachuu

#GALATOOMAA
742 views16:42
ክፈት / አስተያየት ይስጡ