Get Mystery Box with random crypto!

Waliigalteen kireditii kaarbanii gabaa idil-addunyaatti akka g | Cooperative Bank of Oromia

Waliigalteen kireditii kaarbanii gabaa idil-addunyaatti akka gurguramu taasisuun qonnaan bultoota hojii eegumsaafi kunuunsa bosonaarraa fayyadamaa isaan taasisu Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Yuuniyenii Oomishtoota Bunaa Oromiyaa, dhaabbata idil-addunyaa, Misooma Bosonaa, Eegumsa Naannoo fi Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuurratti hojjatu ACORN waliin mallattaa’e.
Waliigaltichi, sagantaa dhaabbatichi Itoophiyaa keessatti hojii misooma bosonaa fi eegumsa naannoo giddugala seera-qabeessa kaarbanii qulqulleessu uumuun gabaa idil-addunyaaf dhiyeessuu, misoomaafi guddina diinagdee hawaasa qonnaan bultoota naannoo haammateefi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu fi kkf irratti walta’iinsaan hojjachuudha.

የካርበን ክሬዲት በዓለም አቀፍ ገበያ እንዲሸጥና አርሶ አደሩን ከደን ልማት እና አካባቢ ጥበቃ ሥራ ተጠቃሚ የሚያደርግ ስምምነት የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክና የኦሮሚያ ቡና አምራቾች ኅብረት ሥራ ዩኒየን፣ የተፈጥሮና አካባቢ ጥበቃና የምግብ ዋስትና ማረጋገጥ ላይ ከሚሠራው ACORN ከተሰኘ ዓለም አቀፍ ድርጅት ጋር ተፈራርመዋል፡፡
ስምምነቱ ድርጅቱ በኢትዮጵያ በደን ልማት፣ አካባቢ ጥበቃና እውቅና ያለው የካርበን ክሬዲት ማዕከል በመፍጠር ለዓለም አቀፍ ገበያ ማቅረብ፣ የአካባቢዉን አርሶ አደር ኢኮኖሚ እድገት ያካተተ ልማት፣ የምግብ ዋስትና ማረጋገጥ ላይ በአብሮነት ለመሥራት የሚያስችል ነው፡፡

#Coopbank #ClimateAction #BenefitingSmallholderFarmers #Agroforestry