Get Mystery Box with random crypto!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa milkaa’ina Waldaalee Hojii Gamt | Cooperative Bank of Oromia

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa milkaa’ina Waldaalee Hojii Gamtaaf deggarsa Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa taasisaa jiruuf beekamtii kennuu fi hariiroo hojii Ejensicha faana qabu daran cimsuuf konkolaattota ammayyaa lama kenneera.
Sirna wal-harkaa fuudhiinsa konkolaattota kanarratti, Pirezidaantiin BHGO Obbo Darribee Asfaawu haasawaa taasisaniin, Ejensichi galma waloo milkaa’ina Waldaaleef taasisaa jiru daran cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
Hogganaan EBWHGO Obbo Jamaal Kadir gamasaaniitiin, deeggarsa Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa taasiseef galateeffatanii, gumaachi kun hojii Ejensichi, Waldaalee hojii Gamtaa naannoo Oromiyaatiif hojjechaa jiru kan deeggaruu fi hariiroo hojii Baankicha faana qabu daran cimsee kan itti fufsiisuudha jedhan.

የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ ከምስረታው ጀምሮ ከፍተኛ ሚና ለነበረው እና ለኅብረት ሥራ ማኅበራት ስኬት ያላሰለሰ አስተዋጽኦ እያደረገ ለሚገኘው የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ማስፋፍያ ኤጀንሲ ዕውቅና ለመስጠት እና ከባንኩ ጋር ያለውን ግንኙነት በይበልጥ ለማጠናከር ሁለት ዘመናዊ ተሽከርካሪዎችን በስጦታ አበርክቷል።
#Coopbank #CommunityCommitment