Get Mystery Box with random crypto!

Michuu Wabii Kaappitaala hojii daldalaa ji’aaf barbaachisu gu | Cooperative Bank of Oromia

Michuu Wabii
Kaappitaala hojii daldalaa ji’aaf barbaachisu guutuuf maamiltoota dhuunfaa fi dhaabbattoota daldalaa maayikiroo, xixiqqaa fi giddu-galeessaa irrattti bobba’aniif kan kennamu yoo ta’u, liqa hanga qarshii kuma dhibba tokkootti ji’a tokkoof kan kennamudha.
Liqa kana argachuuf ragaaleen barbaachisan,
- Herreega BHGO
- Waraqaa eenyummaa haaromfame (kan gandaa, Eeyyama konkolaachisummaa, paaspoortii)
- Hayyama daldalaa haaromfame fi lakkoofsa addaa kaffalaa gibiraa
- Barreeffama hundeeffamaa fi Dambii ittiin bulmaataa dhaabbatichaa fi lakkoofsa addaa kaffalaa gibiraa hojii-gaggeessaa (Dh. Dhu. Itti Gaaf. Murtaa’ef, waldaalee hojii gamtaa, walta’iinsa adda addaa, kknf)
- Bilbila simaartii (Andirooydii 5ffaa fi isaa ol)

#MichuLoan #Coopbank #DigitalBanking