Get Mystery Box with random crypto!

Muddee 27/2015 YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI WALTAJJIIN MARII | Bule Hora University

Muddee 27/2015
YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI WALTAJJIIN MARII MATA-DUREE “GAHEE HAYYOONNI IJAARSA BIYYAA KEESSATTI QABAN’’ JEDHU IRRATTI GUYYOOTA AFURIIF GAGGEEFFAMAA TURE HAALA GAARIIN XUMURAMEERA.
**************
Yuunivarsiitichatti waltajjiin marii mata duree “Gahee Hayyoonni Ijaarsa Biyyaa Keessatti Qaban’’ jedhu bu’uureffate turtii guyyoota afuriitiin kaawunsilii bulchiinsaafi barsiisota Yuunivarsiitichaa waliin adeemsifamaa ture milkaa'inaan xumurameera.

Turtii guyyoota arfanii kana keessatti, yaada mariif dhihaate irratti miseensonni kaawunsiliifi barsiisonni garee gareedhaan gadi fageenyaan irratti mari’atanii jiru.

Sanada waltajjii marii kanaaf dhihaate irratti yaadotaafi gaaffilee ka’aniif ibsa bal’aa kan kennan, Deetaa Ministeera, Ministeera Nageenyaafi walitti qabaa boordii Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr. Siyyum Masfiin akka jedhanitti, sanadni dhihaate, akka walii galaatti qormaata biyyattiin dabarsite kan ibsuu fi rakkoolee isaan hafan ammo karaa furuun danda’amu mari’achuu akkasumas ijaarsa biyya kanaa irraatti hayyoota waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uus ifoomsaniiru. Dabalataanis, Dr. Masfin, yaadotaafi gaaffilee qaala'iinsa jireenyaa, dhimmoota nageenyaa fi tokkummaa biyyattii irratti bal'inaan ka'aniif deebii kennaniiru. Barbaachisummaa marii hayyootaa dhimma biyyoolessaa irratti ciminaa fi hanqina ijaarsa biyyaa gama siyaasaa, barnootaa, misoomaa, tajaajila seeraa, walitti dhufeenya lammiilee fi hariiroo dippiloomaasii, qormaatotaa fi maddoota qormaataa adda baasuun hayyoota waliin irratti mari’achuun murteessaa waan ta’eef, hayyoonni callisuu akka hin qabne Dr. Masfiin dhaamaniiru.

Shoorri hayyootaa ijaarsa biyyaa keessatti olaanaa waan ta’eef, hayyoonni beekumsa isaaniitiin sadarkaa biyyatiitti qo'annoo fi qorannoon rakkoolee hawaasaa furuuf dirqama hayyummaa qabu jedhan, Deetaan Ministeera, Ministeera Industirii, Obboo Taarraqenyi Bulultaa. Dabalataanis mootummaan Itoophiyaa haalota yeroo ammaa biyya qoraa jirurraatti xiyyeeffate biyya tarkaaffachiisuu hojechaa jiraachuu ibsuun, yaadni hayyootaa galtee hojii sirna siyaasaa, diinagdee fi nageenya fufiinsa qabu mirkaneessuuf murteessaa ta'uu dubbataniiru .

Gaaffilee fi yaadota barsiisonni gama Yuunivarsiitichaatiin kaasaniif deebii kan kennan Dr. Taammiruu Aanolee Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa, rakkooleen akka gaaffiitti kaafaman karaa qajeelfamaa fi karoora keessoo keennaatiin waliin taanee furmaata kan kenninu ta’a jedhaniiru.

Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.