Get Mystery Box with random crypto!

Muddee 21/2015. QORMAANNI BIYYOOLESSAA KUTAA 12FFAA SEENSA DHA | Bule Hora University

Muddee 21/2015.
QORMAANNI BIYYOOLESSAA KUTAA 12FFAA SEENSA DHAABBILEE BARNOOTA OLAANOO MARSAA 2FFAAF YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI KENNAMAA TURE KARAA NAGEYAATIIN XUMMURAMEERA.

Muddee 18 bara 2015 irraa jalqabee Yuunivarsiitii Bulee Horaatti kennamaa kan ture Qorumsi Biyyoolessaa Seensa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Barattoota Kutaa 12ffaa marsaa 2ffaa guyyaa hardhaa karaa nageyaatiin xummurameera.

Barattoonni marsaa kanaaf qorumsicha fudhachaa turan kanneen marsaa duraanii keessatti sababoota rakkoolee garaagaraatiin adoo hin qoramin hafanittuu marsaa kanaaf qoramaa ture..
Barattoonni kunniin kanneen Aanaalee Godina Gujii 7fi bulchiinsa Magaalaa Nageellee irraa dhufaniifi kanneen Godina Gujii Lixaa keessaa harca’anii hafan yoo ta’u barattoota kanniinii keessaa dhiira 2,682 fi dubartii 1,344 woliigalli isaanii immoo 4,026 dha jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimmoota Hojjattootaafi Barattootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Roobaa Danbii.
Akka isaan jedhanitti, guyyoottan arfan kanniin qindoomina qaamolee garaagaraatiin qorumsicha haala gaariin qoranii xummuruu isaanii Dr.Roobaan himaniiru.
Qindeessaan woliigala qormaata marsaa kanaa Obboo Ashannaafii Abbabee qormaanni marsaa kanaaf kennamaa ture tumsa hoggantoota olaanoofi hanga gadiitti Yuunivarsiitiin Bulee Horaa nuuf gochaa tureen milkaayinaan xummurree jirra jedhaniiru.

Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.