Get Mystery Box with random crypto!

Muddee 20/2015. Caasaan Haaraan Hojjattoota Mootummaa Paabliik | Bule Hora University

Muddee 20/2015.
Caasaan Haaraan Hojjattoota Mootummaa Paabliiki sarviisii Federaalaatiin Bocamee Hojjatamaa Ture, Mirkanaayee Hujiirra Ooluun Dura Miseensota Kaawunsilii Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Bulee Horaatiin Irratti Mari’atameera.
Akkuma beekkamu caasaan haaraan hojjattoota mootummaa Paabliiki Sarviisii federaalaatiin bocamee sadarkaa kolleejjotaafi Daayirektaroota Yuunivarsiitota biyyattii keessatti gadi bu’ee diriirfamaa ture erga sadarkaa federaalaatti ilaalameen duuba, mirkanaayee hujiirra ooluu isaatiin dura miseensonni kaawunsilii bulchiinsaa akka irratti mari’atanii yaadaafi gaaffiin bilcheessaniif qophaayeera.
Caasaa sadarkaa paabliikii sarviisii federaalaatiin ilaalamee deebi’e irratti miseensonni kaawunsilii bulchiinsaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa irratti mari’ataniiru.
Caasaa haaraa mariidhaaf dhiyaate kan dhiyeessan Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Hojjattootaafi Barattoota Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Roobaa Danbii yoo ta’an caasaa haarenni amma bocamee dhufe kun baldhaaf fooyya’aa ta’uu isaatiin gaaffilee yeroo dheeraaf hojjattoonni kaasaa turanii rakkoolee bulchiinsa gaarii ta’aa tureef deebii quussaa kan kennuudha jedhaiiru.
Qabxiilee caasaa haareya irratti Dr.Roobaadhaan dhiyaaterratti miseensonni kaawunsilichaa yaadaafi gaaffiidhaan gabbisaniiru; miseensonni kunniin qabxiilee marii Kolleejjotaafi Daayirektarootaa baldhinaan dhiyaaterratti akkaataa mana hujii isaaniitiin gaaffiifi yaada kaasuun inumaayyuu caasaan kun kana caasaa adoo babaldhaltee salphina hujichaatiifis galtee ta’uu danda’a jedhaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Taammiruu Aanolee gama isaaniitiin, caasaa haaraan bocame kun rakkoolee gama hanqina hunna namaatiin qannu kan furuuf sadarkaa Kolleejjotaa, Muummeewwaniifi Daayirektoreetiiwwaniitti jiru ni fura jennee abdanna; jijjiirama Yuunivarsiitii keennaa gara fuulduraatti fufsiisuuf tokkummaan haa hojjannuu dhaamaniiru.

Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.