Get Mystery Box with random crypto!

Guyyaa 18/04/2015 YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI, QORMAANNI BI | Bule Hora University

Guyyaa 18/04/2015
YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI, QORMAANNI BIYYOOLESSAA KUTAA 12FFAA MARSAA 3FFAAN KARAA NAGEYAATIIN KENNAMUU JALQABEERA.

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa marsaa 3ffaan kennamuu jalqabe kun barattoota kutaa 12ffaa marsaa duraa keessatti sababoota garaagaraatiin adoo hin qoramin hafan kanneen Aanaalee Godina Gujii 7fi bulchiinsa Magaalaa Nageellee akkasumas, Aanaalee Godina Gujii Lixaa keessaa harca'anii hafaniif kennamaa jira.

Barattoonni marsaa kanaaf qorumsicharratti argaman waliigalli isaanii 4,770 ta'uu qindeessissaan qormaatichaa Obboo Ashannaafii Teshaalee dubbataniiru.

Jalqabbii qorumsaa irraa kaasee haga ammaatti rakkoon tokkooyyuu kan hin jirre ta'uu qindeessitoonni qormaatichaa himaniiru.

Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.