Get Mystery Box with random crypto!

Hagayya 11/2014 Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, Kaadhimamtoonni | Bule Hora University

Hagayya 11/2014
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, Kaadhimamtoonni Eebbifamtoota Barattoota Inistitiyuutii Fayyaa Qorannoo Gochaa Ji'oota Lamaaf Fayyaa Hawaasa Naannoo Irratti Gaggeessaa Turan Dhiheessan

kaadhimamtoonni eebbifamtoota barattoota Inistitiiyuutii Fayyaa muummeewwan garagaraa qorannoo fayyaa gocha irratti xiyyeeffate raawwachaa turan, guyyaa har'aatti mooraa Yuunivarsiitichaatti deebi’uun gabaasa dhiheessaniiru.
Haaluma Kanaan, qorannoon kun Buufataalee Fayyaa fi Hospitaalota kanneen akka Hospitaala barsiisummaa Bulee Horaa, Yaa'aballoo, Dugda Daawwaa fi Gaangowaa keessatti kan gaggeeffamee fi bu’aa qorannichaa bakka Daayireektariin Dhimmoota Akkaadaamii Gargaaraa Piroofeesaraa Gammadaa Oddoo, Itti Aanaan Inistitiyuutii Fayyaa Bokkoo Lokkaafi hooggantoonni muummeewwanii akkasumas barsiisonni inistitiyuutichaa argamanitti dhihaateera.
Xumura qorannoo kana irratti barattoonni fuulduraaf gurmaa’inaan yoo hojjatan imaanaa biyyaa kan galmaan ga’an ta’uu, inistiitiyuutichatti barsiiftuu kan ta’an, barsiiftuu Jiituu Beekaa dubbataniiru .
Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa