Get Mystery Box with random crypto!

WAAQAYYO HIN JIRU JEDHANII WARRA AMANAN MALLATTOOLEE ISAANII | Amantiiእምነት

WAAQAYYO HIN JIRU JEDHANII WARRA AMANAN MALLATTOOLEE ISAANII

. ILAALCHA WARRA GANANII (Atheism)
➥ Gantoota jechuun jiraachuu Waaqayyootti gonkumaa kan hin amanne jechuu dha. Waa‘ee yoo fudhanne karaa sadii ilaaluu dandeenya:-
➳ #A . Hojii ykn jireenya isaanii kan ganan.
➳ #B . Waaqayyo tasumaa hin jiru kan jedhan.
➳ #C . Keessatti amannii afaaniin kan ganan akkasumas afaaniin amananii keessa isaanitti kan ganan.
➥Haala kanaan baay‘een amantoota ofiin kan jedhan ganaa jiru. Sababni isaa laphee isaaniin in amana yoo jedhan iyyuu hojii isaaniitiin gananiiru. #Kanaafuu hundumtti keenya ofii keenya ilaaluu qabna malee kan birootti qofa quba qabuu hin qabnu. Ana ofiima koo irraa na eegi jechuu wayya. Gooftaan nu haa gargaaru!

. JIRAACHUUN WAAQAYYOO TASUMA BEEKAMUU HIN DANDAA'AMU KAN JEDHAN (Agnosticism)
➥ ilaalcha kana namoonii hordofan akkuma warra Waaqayyo jira jedhaniitti odeeffannoo saayinsaawwaa ta‘een jiraachuu Waaqayyoo beekuun akka hin dandaa‘amne sababa mataa isaanii dhiyyeesu.

. WAANTI HUNDIMUU WAAQAYYOO DHA; WAAQAYYOOS WAANTA HUNDUMAATI WARRA JEDHAN
(Pantheism)
➥Akka warra kanaatti immoo Waaqayyo uumama hundumaa keessa jira. Kana jechuun warra lubbuu qaban keessaas warra lubbuu hin qabne keessaas jira,
➥Waaqayyo jechuun wanta mul‘atus uumama hin mul‘atines jedhu.
➥Waanti hundinuu kan barabaraatti dhufaatiin isaanis kan mul‘atu waantota irraati jedhu.

. WANTOONNI ADEEMSA KEESSA DHUFAN WARRA JEDHAN (Evolutionsts View)
➥Akka warra kanaatti immoo yeroo ammaa kana wanti argaman adeemsa yeroo keessa uumaman ykn dhufan malee uumaa tokkotu uume hin jedhan.
➳ Dhala namaas waa‘ee hojii isaanis ta‘e yaada isaanii kan gaafatu Waaqni hin jiru jedhu.

. WAAQAYYO BAKKA JIRAATU TOKKO QABA; GARUU DHALA NAMAA GIDDUU HIN JIRU KAN JEDHAN
(Deism View)
➥warri kun immoo Waaqayyo waan uumettii namoota dabalatee walitti dhufeenya hin qabu jedhu.
➳Waaqayyo biyya lafaa kana uumee deemera. Dhala namaattis dhimma hin qabu jedhu.

. WALITTI DHUFEENYA HUMNOOTA LAMAA JIRA MALEE HUMNA QABEESSA TOKKOTU JIRA WARRA JEDHAN (Dualistic View)
➥Akka ilaalcha warra kanaatti immoo humnaan kan walgitan barabaraan kan jiraatan lamatu jiru kan jedhu dha. Kunis ifaa fi dukkana, gaarii fi hamaa, Waaqayyoo fi seexana waliin humna wal qixaan kan waliin tokko isa biraa cinatti hojetaa kan jiraatan malee qofaa isaatti Waaqa jabaa fi humna qabeessa kan ta‘e hin jiru jedhu.

. ILAALCHA WARRA WAAQOLII BAAY'EE HORDOFANII (Polytheistic View)
➥ ilaalichi warra akkanaa immoo waaqolii baay‘ee waaqessuu kan jajjabeessu dha. Sababa yeroo kaa‘an waaqni inni tokko yoo dheekkame gara waaqa isa biraa deemuun waaqessuutu dandaa‘ama jedhu. ➥Qofaa isaa waaqeffamuu waaqni barbaadu yoo jiraate, inni off ummaa dha jedhu.
➳#kanaafuu waaqa tokkicha yaadni jedhu hin jiru jechuun barsiisu.

Armaan olitti kan ibsaman ilaalchi garaa garaa marti sagalee Waaqayyoo ta‘e Macaafa Qulqulluun waan barsiisu irraa baay‘ee kan fagaatani dha.
➥Jiraachuu Waaqayyoo karaa ittiin beeknu tokkoo fi tokko qofa.
➳Kunis karaa mul‘ate qofaan amanuu dha. Kana jechuun immoo namni tokko Waaqayyo jira jedhee waan amane qofaaf Waaqayyoon beekeera jechuun hin dandaa‘amu.
➥Namni tokko Waaqayyoon akka waaqummaa isaatti beekera jechuuf yoo xiqqaate wantoota afur guutuu qaba. #Isaanis :
➳Waaqayyoon yoo amanu,
➳Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu isaatti amanee yoo fudhatu,
➳Gooftaaf yoo ajajamu fi
➳Jaalala Waaqayyoon yoo jiraate dha.

    Gαℓαтσσмαα!!!
      °°°°°°Υєʀσσ Gααʀιι°°°°°°
   
sнαʀє waliif
          https://t.me/amantiidhan