AFAAN RIGACHUU YKN SAWAAKKACHUU •••••••••••••••••••••••••••••• | 💡 ALBURHAAN MEDIA 💡

AFAAN RIGACHUU YKN SAWAAKKACHUU
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Rasuulli s.a.w Sawaakachuu (Afaan Rigachuu)
haalaan jaalata. Hadiisa Rasuulaa s.a.w kheeysa
kanaatu jira dhagayi “Sawaakkachuun Afaan
qulqulleeysa Ammas waan Rabbiin jaalaturraahi.”
Hoggaa Akkam Sawaakkachuun Jaalatama
Shari’aan?
1. Wuda’a hoggaa goonu
2. Salaata seenuun dura.
3. Hirribaa yeroo dammayne.
4. Quraana Yeroo Qaraanuu
5. Manatti yeroo gallu (Mana keenya seennu)
6. Fooleen Afaanii yeroo jijjirametti.
Sawaakkachuun Fayyaa qamaa fii Nashaaxa
namaaf dabala. Kana hundarra Sunnaa Rasuulaa
s.a.w Jajjabduu keeysa jira. Kana hunda booda
ammas
Sawwaakkachuun Qulqullina Afaanii qofa osoo
hin taane waan Rabbi jaalachiisurraahi.
Namni tokko yeruma hunda sa’aa fedhelle
sawaakkachuu ni dandaha irra caaltuun yeroo ta
dubbatamte tana jechuu malee sa’aa tana malee
hin barbaachisu jechuu miti.
Kanaaf Muslimoonni Qulqullinaanis hunda caallee
argamuu qabna malee afaan keenya waan adda
addaatiin foolee ka irraa ka'u tahuu hin qabu.
Sunnaa hordofnaan nuti achi keessaa waan
dhabne hin qabnu.
Amantiin teenya hanga mana ficaanitti akkaataa
qulqulleeyfannaa nu barsiistee jirti.
.... Haa sawaakkannu! Afaan Haa qulqulleeysinu!
Waan Rabbiin jaalatu haa daleeynu!!
Yoo sitti tole share gootu nama biraa barsiista.
@Alburhaan_media
💡 ALBURHAAN MEDIA 💡

💡 ALBURHAAN MEDIA 💡

@alburhaan_media
1.62K ተመዝጋቢዎች
ያልተመደበ ምድብ
🎙ALBURHAAN MEDIA🎙. Alburhaan madda beekkumsaaf tokkummaa ummata muslimaa. channel kana jalatti tajaajila akka Gorsa Islaamaa,Oduu, sagantaa barsiisaa...