WAAHILOOTA SADEEN BAHANII HAFAN !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Asoosama gabaabaa!
Ganama tokko Waahiloonni sadeen wajjiin manaa bahan.
Yeroon yeroo Gannaa tan boqonnaa turte. Isaanis wajjiin
Bosona Nannoo Isaanii daawachuuf, Uumaa Rabbii laalanii
dinqisiifachuuf karaa seenan.
Bosona ganda Isaanii bineensoota bosonaa hedduu jira.
Khuruphoo, Solooliyaa, Gafarsa, fii Satawwaan ni argaman
ammo yoo bosona keessa chi fagaatan Qirreensillee akka jiru
maanguddoonni ni dubbatan. Akkasuma Boofa guddaa
Hubaabaa jedhamu kan Mukni irratti meeyreetu bosona
walakkaa jira waan je’amee dubbatamuuf walakkaa keessa
dhaquuf namni yaalu hin jiru.
Hundi Ilmaan ganda tokkooti. Joollummaarraa wajjiin
guddatan Abbaan Jamaal Sheekha beekkamaadha, Inni ganda
keessatti warra diin nama barsiisuuf jiruu isaa kennerraahi.
Ahmadoon ammoo abbaan warra Awoliyaa jechuun
beekkaman. Shanyiin Isaanii akka gosa Rabbi biraa kophatti
sadarkaa qabdutti laallaman. Warri baadiyyaa guyyaa saftii
aannan, lukkuu, killee, dhadhaa, ra’ee fidanii isaan ziyaaranii
qarxaasa fudhatanii deebi’an. Hoggaa Moolida godhan warri
baadiyyaa fagoo hedduutu dhufa, kan horii fidee kodhaa Isaa
kennatu hedduudha. Ammatatti yeroo killa godhan qaban,
jolleen isaanii guyyaa sadi manaa hin bahan. Abbaan Ahmadoo
Sheekh Abdusalaam abbaa Jamaal Wahbiyyaadha jechuun Ilmi
Isaa Ahmadoon akka mana Isaanii hin dheynee fii akka
waahilummaa Jamaal wajjiin dhaabu akeekkachiisaa ture.
Garuu Isaan mana barnootaa waan waliin barataniif
waahilummaa Isaanii itti fufanii jiran. Magarsaan ammoo ilma
barsiisaati. Abbaan Magarsaa Ortodoksiidha ganama Alhadaa
hunda beetakiristaana dhaqee tsalootii godha. Gaafa tokko
Jamaal Waahila Isaa Magarsaa waliin Osoo waa'ee amantii
waliin haasawanii Magarsaan "Iyaasuus Waaqa" jechuun itti
falme. Jamaal Falmii dheertu Isa wajjiin eega godhe "Kaaseeta
tokkon siif fidaa dhageefadhu" jedheen. Magarsaan tole naaf
fidi "Iyasuus Waaqa tahuu hin shakku" je'eenii addaan bahan.
Ganama Jamaal Kaaseeta Ustaaz Qamar Husseen (dhugaa
Iyasuus waaqaa) kan je'uu fii kan Sheekh Ahmad Didaat Afaan
Amaaraatti kan hiikkame itti kenne. Magarsaan Kaaseexa
fuudhee mana Isaanii geeysee itti bane. Yeroon Isaa galgala
waan tureef Abbaan Magarsaa, Haatii Magarsaa obboleyyan
hundi achuma jiran. Kaaseexa Qamar Husseen hoggaa laalan
Abbaan Magarsaa Matsaaf Qudusii ykn (Macaaf Qulqulluu)
Isaa baasee hordofaa ture. Haati Magarsaa Warqinash "Basma
Aab" jettee kaatee kutaa biraa seente. Abbaan Magarsaa eega
laalee xumure "Kaaseexa kana eeysaa fidde" jechuun
Magarsaa gaafate. Magarsaan rifatee "Waahila kiyyaatu wal
falamnee jannaan laali jedhee natti laate" jedhan. Abbaan
Magarsaa "Waggaa 57 if gawwoomsaa ture jechuudhaa!!!"
"Akkamitti kuni taha?!" "Macaafa Qulqulluu keessa kuni hundi
Jira jechuudha?!" "Waan nama dinqu abbee!!!"
Ani Amantii koo arrarraa Islaamatti jijjira je'ee Maatii Isaa
Rifachiise. Magarsaan "Way Osoon fiduu baadhe" jechuun
gaabbee if jibbe. Abbaan Magarsaa ganama Sheekh
Abdusamad Bira dhaqee Masjidatti Shahaadaa qabatee
Islaamatti seene.
Maatii Isaaa Islaameeysuuf yaali guddoo godhuu itti fufe garuu
namni Isa dhagaye hin jiru. Abbaan Magarsaa yeroo
gabaabduu keessatti Islaamummaa dubbisuu fii Sheekha Irratti
barachuun hubate. Quraana Juza 10 haffazee, Kitaaba
gurguddaa Hedduu dubbisee ifiifuu da’waa godhuutti seene
garuu Maatii Isaa keessaa Magarsaa fii Haatii Magarsaa
Islaamummaa fudhachuu didan. Jolleen biro hundi Isaaf
Islaamawanii jiran. Magarsaan xiqqo turee Ortodoksii irraa
Pheenxee seene.
Waahillan sadeen waliin gama bosona daawannaatti adeemaa
jiran. Gaara guddaa ganda Isaanii ol bahuutti jiran. Osoo
haasawaa koflaa gama gaaraa ol dhiibbatanii wanni hin
yaadamin argame.
Ahmadoon Abbiyyoooo!!!! Abbiyyoo Kiyya!! Nabii kiyya! na
dhaqabi jechuutti seene.
Jamaal Yaa Rabbi! Yaa Allaah! Laa Ilaaha Illallaah! jechuun