Get Mystery Box with random crypto!

💡 ALBURHAAN MEDIA 💡

የቴሌግራም ቻናል አርማ alburhaan_media — 💡 ALBURHAAN MEDIA 💡 A
የቴሌግራም ቻናል አርማ alburhaan_media — 💡 ALBURHAAN MEDIA 💡
የሰርጥ አድራሻ: @alburhaan_media
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 1.62K
የሰርጥ መግለጫ

🎙ALBURHAAN MEDIA🎙
Alburhaan madda beekkumsaaf tokkummaa ummata muslimaa
channel kana jalatti tajaajila akka Gorsa Islaamaa,Oduu, sagantaa barsiisaa fi bashannansiisaa,walaloo fi KKF argattu channeel keessan guddifadhaa.

Ratings & Reviews

1.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

2


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች

2022-07-10 08:24:00 Almiftah.tube walaloo "Gaggeessa m/b Bashaashaa kutaa 12ffaa" by Abdurra...


539 viewsAbdurahman Aminu , 05:24
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-10 08:24:00 Watch "Faccee fi indiyyaa Bashaashaa keessatti yeroo walolan. vido xiqqoo Kana ALMIFTAH TUBE daawwadha" on YouTube


523 viewsAbdurahman Aminu , 05:24
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-10 08:24:00 M/M D.r Abiy Ahmad waa'ii Raayyaa ittisa biyyaa maal jedhan ?


451 viewsAbdurahman Aminu , 05:24
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-03-31 09:27:27 JUMU’AAN GUYYAALEE JAHAN HAFAN IRRA CAALAADHA
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Khanaaf jecha bu'aa irraa buufachuuf wantoota armaan gadii
khana hojjachuuf tattaaffii haa goonu.
1. Ganamaan (yeroodhaan ) Karaa
Masjidaa deemuun jaalatamaadha.
2. Qaama Keenya dhiqachuun Sunnaadha
3. Qeensa Keenya sirreeffachuun Sunnaadha
4. Namni Hunduu Uffata qulqulluu ta’e uffachuun keessatuu
Uffata Adii uffachuun jaalatamaadha.
5. Siwaaka /ilkaan keenya rigachuun Sunnaa jaalatamaadha
6. Waan Urgaa’aa / Foolii gaarii qabu dibachuun ni jaalatama.
Fknf : Shittoo / Dhiiraaf qofa.
7. Namni Guyyaa Jumu’aa Dursee Masjida seene akka nama
Gaala sadaqaa godhetti lakkaawamaaf
8. Du’aa’ii Baayyisuun baay’ee barbaachisaadha.
9. Azaani lammaffaa erga azaaname booda walirraa waa
bituun dhoorkamaadha.
10. Suraatul Al – Kahf QARA’UUN Baay’ee barbaachisaadha.
11. Salawaata Nabi Muhammad (s.a.w) irratti buusuu
heddummeessuu.
12. Yeroo Imaamni khuxbaa godhu cal'isanii caqasuu
13. Akka masjida seenneen raka'aa lama (2) salaatuu
Dhagahee nama itti fayyadamu Rabbiin nu haa godhuu, nama
yeroo hunda karaa isaa irra deemu rabbiin nuu haa taasisuu !!!
Aaamiin summa Aaamiin
JOIN
@Alburhaan_media
@Almiftah_tube
1.1K viewsAkkaa fi bakka koo Situ beeka, 06:27
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-02-10 07:29:29 HADIISA AJAA'IBAA KAN HAALAAN NAMA DINQISIISU
------------------------••-----------------------------
Gaaf tokko Rassuul (S.A.W) sahaabaa isaatii wajjiin osoo
jiru reefi (janaazaan) tokko isa biraan dabre, Hugguu kana
Rasuul (S.A.W) akkana ja'e :-
Takkaa isaatu hafuura irraa baafate,
Takkaa isaaniitu hafuura irraa baafate,
Hugguu kana sahaaboonni yaa Ergamaa Rabbii (S.A.W) takkaa
isaatu hafuura irraa baafate, Takkaa isaaniitu hafuura irraa
baafatee jachuun maal jachuudhaa ja'anii gaafatan?
______________________
Ergamaan Rabbii (S.A.W) gabrichii gaariin tokko wayta
duniyaa tanarraa du'aan gara rahamata Rabbii boqotu, isaatu
cinqii fi hiraar duniyaa irraa hafuura baafata,
Gabrichi badaan (hamaan) immo weyta duniyaa tanarraa
du'aan boqatu, Namaa fi sa'aa Mukaa fi citaa ( biyyaatu )
Hamtuu isaa irraa hafuura baafata.
_____________________
Yaa obboleeysa gaari Atiis yaa obboleeytii gaari jara
lameen kanarraa ati isa kami?
Atiitu cinqii fi rakkoo duniyaa tanarraa hafuura baafatamoo
Muka fi cita namaa fi sa'aatu hamtuu tee irraa hafuura
baafata?
______________________
Yaa Rabbii Warraa Duniyaan Hamtuu Isaa Irraa Hafuura
Baafattuu Mitii Warraa Fitnaa Fi Balaa Cinqii Fi Hiraar Duniyaa
Irraa Hafuura Baafatu Nuu Taasisii.
Share godhuun obboleyyan kee yaadachiisuu hin dagatin
Rabbiin yaadaa fi muraada kee siif haaguutuu.
Rabbiin addunyaa fi aakhiratti sihaa milkeeysuu.

@Alburhaan_media
@Allmiftah_tube
1.8K viewsAbdurrahman Amin, 04:29
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-02-09 08:32:07 NABI MUHAMMAD S.A.W ERGAMAA RAHMATAA
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Dacheen tun eega uumamtee jalqabee nama akhlaaqaa fii
amala gaarii qabu, kan qalbii namoota hedduu hawatuu
dandahe, nama akka Nabi Muhammad s.a.w baadhattee hin
beektu. Galmeen seenaa addunyaa irra jiru kamuu kan seenaa
dinqisiisaa akka isaanii fakkaatu baadhatee tokkollee
gonkumaa hin jiru. Jireenyi hawaasummaa isaaniin wixiname
hanga guyyaa qiyaamaatti itti fufee jiraata.
Badiiwwan garagaraa ilmi namaa yeroo gara garaa irratti
uumamuu fii jiruu hawaasummaa hin guuttamne kan hujii
filoosofii ilma namaatiin seenaa keessatti hanga ammaa
uumamaa jiraniif dawaan isaa barsiisaa fii hojii isaan nuuf
agarsiisanii dabran qofaa dha. Nabi Muhammad s.a.w jireenya
lafaa kana irratti jaalala, mararfannaa, haqa, gootummaa fii
jabina ilma namaaf gumaachanii hanga yoowmal qiyaamatti
yaadatamuuf addunyaa tana irraa godaanan.
--------------
Nabii Muhammad s.a.w Ergamaa Rabbii tahanii yeroo ergaman
irraa kaasee rakkoo fii musiibaa ilmi namaa kamuu argee hin
beekne hedduu arganii jiran. Waggaa 23 guutuu hirriba nagaa
rafanii hin beekan.
Tahus rakkoolee argan kanneen hunda obsaan dabarsuu
dandahuu isaaniitiin injifannoon galaniiru. Akkanas jedhan,
"Yommuu rakkoon tokko isin qunnamu, rakkoo ana irra gahe
yaadadhaa" jedhan musiibaan nu qunnamu kamuu kan isaan
irra gahee gadi akka tahe agarsiisuu fii obsaan akka dabarsuu
qabnu nu gorsuuf jecha. Akkasumas "hanga hawdi irratti wal
geenyutti obsaa" jedhaniiru.
------------
Aanas ibni Maalik r.a akkana jechuun dubbatan. "Magaalaan
Madiinaa akka guyyaa gaafa Ergamaa Rabbii Nabi
Muhammadiin s.a.w simattetti iftee fii gammaddee mul'attee
him beektu. Akka guyyaa gaafa Nabi Muhammad s.a.w
addunyaa tanarraa godaananitti dukkanooftee fii gaddaan
liqimfamtee hin beektu."
------------
Nageenyii fii Rahmanni rabbii isaan, maatii isaanii, sahaabotaa
fii hordoftoota isaanii hunda irra haa jiraatu. Aamiin.
Join
@Almiftah_tube
@Alburhaan_media
1.1K viewsAbdurrahman Amin, 05:32
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-01-30 15:02:53 SEENAA AKKAAN NAMA AJAA'IBSIIFTU TANA DUBBISAA
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
(Sheek Nabiil Al-Owdii odeesse)
Gaaf tokko gurbaan tokko intala akkaan bareeddu takka
fuudhe.Isaan lameenuu akkaan wal jaalatan.
Jaalala isaanii irraa kan ka'e,jiruu bareedduu jiraachaa
turan.Jaarsi isii bareedina isiitiin bohaaraa ture.
Osoo haala kanaan jiraachaa jiranii jaartii isaa tan akkaan
bareeddu tana dhukkubni bareedina isii balleessu isii
qabe.Yeroo sanatti jaarsi isii haajaaf bakka biraa ture.
Duboo,intalti tun bareedinni isii duraa baduuf abbaan
manaa isii jibbuu sodaachaa hedduu yaaddawuu
jalqabde.Jaarsi isii osoo imaltuu sanirraa galaa jiruu
wanni inni takkaa hin yaadin isa mudate....kunis
maali?...balaa akka tasaa isa qunnameen ija isaa lameenuu
dhabe...Hoggaa mana gahu ijji isaa lameenuu kan hin agarre
tahee argame...
Gaafa duraan jiraatan bareedina jaartii isaatti kan
bashannanaa ture ija isaatiini.Garuu akkuma jaartiin
isaa bareedina dhabuu jalqabdetti inniniis ija isaa
dhabe... Bareedinni jaartii isaa guyyumarraan dhumaa
dhufee,boodarra gara fokkinaatti jijjiirame.
Garuu isaan lamaanuu jaalalti isaan duraan wal jaalatan
xiqqollee osoo hin irratin hanga amata 40 waliin
jiraatan.Subhaanallaah!
Haaluma kanaan jiruu bareedduu jiraachaa osoo
jiranii jaartiin isaa duute.Awwaalcha isii erga
raawwatanii booda namuutuu gara mana isaanii hoggaa ka'an
inniniis kophaa isaa deeme.Gurbaan tokko itti lallabee:eessatti
deemta? je'een.
Jaarsinis gara manaa je'een.Namtich:Hay kophaa tee
akkamitti deemta ati ijaan hin agartuu ballaadha?
Gurbaanis akkana je'een:(lakki bar ani ballaa miti, hoggaa
bareedinni jaartii tiyyaa balleeffameen bultiin teenya akka hin
diigamneef,kana malees jaartiin tiyya bareedina isii sababaa
dhabdeef ani isii hoggaan laalu qalbiin isii akka hin cabneefiin
ballaa fakkaadhe malee iji tiyya fayyaa naaf qabdi.Wanniin
kana godheefis
isiitu nama gaariidha) je'ee gara mana isaa deeme.
Way bultiin islaamaa hundi bultii bareedduu akkanaa silaa
taatee...
Yaa rabbi bultii islaamaa hunda bultii akkanaa godhi!!!
@Alburhaan_media
1.2K viewsUmi 20ti, 12:02
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-01-29 06:17:52 Guyyaa Qiyaamaa
•••••••••••••••••••
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan Guyyaa Qiyaamaa duuti
boca korbeessa adii fii gurraacha godhattee fuulduratti
dhihaatti.
Eegasii yaamichi ni godhama. “Yaa Warraa jannataa?”
jedhamee lallabama. Warri jannataas yommuu kana morma
olqabatee xiyyeeffannaan ilaala. “kana beektuu laata?”
jedhaman. Warri jannatas “Eeyyan kuni bar du’a dha” jechuun
deebisan. Eegasii hunduu ni ilaaluu.
Ammas yaamichi ni godhama. "Yaa Warraa Jahannamii
jedhama. Warri jahannamii yommuu yaamicha kana dhagahu
morma dheeressee xiyyeeffannaan ilaala. “Kana beektuu
laata?” jedhaman. Warri jahannamiis “Eeyyan kuni bar du’a
dha” jechuun deebisan. Eegasii hundumti isaaniitu ni ilaalu.
Sana booda hoolaan (duuti jechuu) ni goorra’amti.
Yaamaanis akkana jechuun dubbata. “Yaa Warraa Jannataa!
Jiruun zalaalam taate isiniif murtoofte, lamuu duuti hin jirtu.
Yaa Warraa Jahannam! Isinis Jiruun zalaalam taate isinitti
murtooyte, lamuu duuti hin jirtu!”.
Eegasii Ergamaan Rabbii ﷺ aayaa Qur’aanaa asii gadii kana
dubbisan. {(Yaa Muhammad ﷺ) Isaan akeekachiisi guyyaa
sanaa, guyyaa gabbii fii gaddaa sanaa yeroo dhimmootni itti
murtii argatan sana yeroo isaan (addunyaa kana irratti) danta
dhabeessa ta’anittii fii yeroo isaan itti amanuu didanitti
(akeekkachiisiin!)} (Qur’aana 19:39)
(Sahiih Al-Bukhaarii Hadiisa lakkoofsa 254)
Rabbii Warraa har’aa dalagaa gaarii dalagatee bori yowmal
qiyaamaa “Yaa Warraa Jannataa!” kan jedhamanii yaamaman
irraa nu haa taasisu!
@Alburhaan_media
788 viewsUmi 20ti, 03:17
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-01-26 05:46:58 SADARKAA NABIRRATTI ﷺ SALAATA BUSUUN QABDU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Abbaa xalhaarraa r.a. nabiin ﷺ guyyaa tokko kan
gammachuun fuula isaarraa iftu nutti olseene, gammachuudha
fuula keetirratti garra maaliifi? jenneen. Akki Nuun jedhe
“malaaykichaatu natti dhufee yaa muhammad Rabbiin namni
tokkolleen salaata takka sirratti buusee ani kudhan irratti
buusu malee hin hafu, namni tokkolleen yoggu takka sirratti
salaamtaa buusee ani yoggu kudhan irratti buusu malee hin
hafu, kuni sin gammachiisuu? siin jedha naan jedhe.” Nasa’ii
1283, albaaniin hasan jedheen.
Barnoota hadiisa kanarra argannu.
Salaataaf salaama (nagayaaf rahmata) nabirratti ﷺ buusuun
akkaan barbaachisaadha. Sawaaba (ajrii) hedduu qaba.
Akkaataan itti buusanis irra caalaan isaa kana.”
Allaahumma salli alaa muhammadin wa’alaa aali
muhammadin kamaa salleyta alaa ibraahiima wa’alaa aali
ibraahiima innaka hamiidun majiid.
Allaahumma baarik alaa muhammadin wa alaa aali
muhammadin kamaa baarakta alaa ibraahiima wa alaa aali
ibraahiima innaka hamiidun majiid.
Rabbiin salaata nabirratti buusuu hiikkaan isaa kabajuu
jechuudha. Yaa Rabbi salaata kee nabirratti buusi jechuun yaa
Rabbi rahmata kee isaaf godhi isa guddisi jechuudha.
Akkasuma nagayas nabirratti buusuun barbaachisaadha,
qur’aanarraa wanni kanarratti nu qajeelchu jecha Rabbii ol
taheeti “Allaahaafi malaaykaaleen isaatis nabirratti salaata
buusan isin yaa warri amantanis salaata buusaa isarratti
salaata buusiinsa.” Suuraa ahzaab 56.
Hadiisattis nabiin ﷺ akkana jedhan “Rabbiin malaykaalee
qaba, kanneen dachii keessa deddeemtee salaamta ummata
kiyyarraa natti geessitu.” Nasaa’ii.
Akkasuma nagayaaf rahmata nabirratti buusuun yeroo
hundaawu barbaachisaadha. Akkasuma ammas yeroo
masgiida seenan, yeroo masgiidarraa gadi bahan, yeroo
azaanaa, yeroo tashahuda salaataa fii kkf keessatti nabirratti
salaataaf salaama buusuun barbaachisaadha.
Bakka inni hin jirretti salaamtaa jechuuniin nabuma qofaafi,
isaa waan malaaykaan itti geessituuf jecha. nama biro kan
fagoo jiruuf hintahu.
Salaama jechuu hikkaan qulqullina fii nageenya jechuudha.
Akkaataan itti salaamtaa buusan (assalaamu aleyka ayyuhan
nabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu) yookaan
(assalaamu aleeyka yaa rasuulallaahi) yookaan (assalaamu
aleyka yaa nabiyyallaah) yookaan (assalaamu alannabiyyi)
jechuudhaan taha.
Salaamtaan tenya tuni nabitti nigeeysi jedhanii yaaduu
barbaachisa. Garuu walitti qabamanii sagalee gamtaatiin
allaahumma salli jechuun hin tahu dhoowwaadha.
Akkasuma dibbeefii meeshaalee mooziqaa adda addaa itti
dhawuunis hin tahu.
ﺍﻟﻠَّﻬُﻢَّ ﺻَﻞِّ ﻋَﻠَﻰ ﻣُﺤَﻤَّﺪٍ، ﻭَﻋَﻠَﻰ ﺁﻝِ ﻣُﺤَﻤَّﺪٍ، ﻛَﻤَﺎ ﺻَﻠَّﻴﺖَ ﻋَﻠَﻰ ﺇِﺑْﺮَﺍﻫِﻴﻢَ، ﻭَﻋَﻠَﻰ ﺁﻝِ
ﺇِﺑْﺮَﺍﻫِﻴﻢَ، ﺇِﻧَّﻚَ ﺣَﻤِﻴﺪٌ ﻣَﺠِﻴﺪٌ، ﺍﻟﻠَّﻬُﻢَّ ﺑَﺎﺭِﻙْ ﻋَﻠَﻰ ﻣُﺤَﻤَّﺪٍ ﻭَﻋَﻠَﻰ ﺁﻝِ ﻣُﺤَﻤَّﺪٍ، ﻛَﻤَﺎ ﺑَﺎﺭَﻛْﺖَ ﻋَﻠَﻰ
ﺇِﺑْﺮَﺍﻫِﻴﻢَ ﻭَﻋَﻠَﻰ ﺁﻝِ
ﺇِﺑْﺮَﺍﻫِﻴﻢَ، ﺇِﻧَّﻚَ ﺣَﻤِﻴﺪٌ ﻣَﺠِﻴﺪٌ
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
@Alburhaan_media
1.1K viewsUmi 20ti, 02:46
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-01-25 18:20:53 quba takka gama Samii ol qaba.
Magarsaan "Bayyasuus sim! Iyaasuus! Goftaa koo! Maaloo
jechuun lallaba.
Osoo gama gaaraatti ol bahaa jiran dhagaan guddaan gararraa
konkolaatee Isaan sadeenuu fuudhee gaara jalatti deebise.
Hundi dhiigaan badanii Aadan, ni iyyan, hundi waan gabbaru
yaammachuutti seene.
Ahmadoon Abbiyyoo!! Nabiyyii!! na dhaqabi osoo je'uu hunda
dura lubbuun Isaa baate.
Magarsaan Iyyasuus goftaa koo ilma waaqayyoo maaloo maaf
na ajjjeefta, maal badiin koo?! osoo jedhuu Ruhiin Isaa
keessaa baate.
Jamaal Yaa Allaah!!!! Laa Ilaaha Illallaah! Yaa Rahmaan! Osoo
jedhuu namni karaa deemu gaara jalatti sagalee dhagayee itti
gore, hoggaa fiiganii dhagaa jalaa fuudhan humaa hin dubbatu,
Hafuura dhumaa baafatee jira.
Ganda tokkorraa guyyaa tokkotti Waahiloonni sadeen bahanii
hafan, bosona daawwachuuf bahan reefki Isaanii gale. Gandii
guutuun bahee Isaan awwaale Ahmadoo fii Jamaal Qabruma
takkatti Lahdii adda godhanii awwaalaman.
Magarsaan Qabrii Pheenxeetti Isaaniin adda bahee
awwaalame. Adunyaarratti sadeen addaan hin baane duuti
addaan baafte.
Abbaan Magarsaa akka malee booye "sabbari" hoggaa je'aniin
"Way Osoo Shahadaa qabatee du'e maal qaba? saniifin booya"
jechuun imimmaan dhangalaasa.
Waahiloonni sadeen bahanii hafan. Hundi Isaanii bosona
laallee deebina jechuun gaara guddaa sanitti ol dhibbataaa
turan, san dura hogga hedduu bosona san daawwatan. Garuu
taraa tana hin deebine.
...........................
Kamtu Warra Milkiiti jettee yaadda ???
600 viewsUmi 20ti, 15:20
ክፈት / አስተያየት ይስጡ