Get Mystery Box with random crypto!

osoo hardha duunee dalagaa gaarii nurraa hin cinne maal qabna? | Ahmedin Jebel - አሕመዲን ጀበል

osoo hardha duunee dalagaa gaarii nurraa hin cinne maal qabna?

Ergamaan rabbii (SAW) akkana jedhan :-

"ilmi namaa yoo du'e dalagaan isaa ni dhaabbata. Waa sadi malee.

① sadaqaa walitti dhaabataa ta'e.

② yookin beekumsa namoonni itti fayyadaman.

③ yookaa ammoo ilma gaarii du'aa'ii namaa godhu."[Muslim]

Isin essa bira jirtan?

① yoo dandeenne sadaqaa nama fayyadu dhiisne haa dabarruu

② yookii barannee haa barsiisnu. Yookii barumsa Ulamaa'ii haa facaasnu.

③ ijoollee teenya immoo haala gaarirratti haa guddisnu. Mararraa ta'uu dhabuun garuu kasaaraa guddaa dha.