Get Mystery Box with random crypto!

Meeqatu osoo hawwuu ka hin argatin carraa kana nu arganne. Ja | Ahmedin Jebel - አሕመዲን ጀበል

Meeqatu osoo hawwuu ka hin argatin carraa kana nu arganne.
Jaalleewwan teenna qabrii keessatti harka isaanii boraafataniiru. Nuti garuu kunoo ni jirra. Ramadaana geennee guyyaa 5 soomne. Taraawihas salaanne. Kuni carraa guddaadha rabbiin galatoomfadhu.kennaa waan ta'eef itti gammadaa. Kanaa oli carraa guddaa qabnaa?"Alhamdulillaahi" jedhaa. Gammachuudhan keesummaa keessan kabajaa. Kabajaa isaa eegaatii keesummeessaa. Keesummaan kuni jannata keessani.ibiddarraa kan bilisa isin baasuudha. Kennaa keessani. wantee keessani. Badhaasa keessani. Simannaa isaa godhameef boru fuula rabbiitti kan ragaa nuu bahu. Keesummaan keenya keesummummaan nu wajjiin kan turu guyyaa muraasa waan ta'eef haqa isaa eegaafii.