Get Mystery Box with random crypto!

Namoonni si dhiisanii deeman kan akkamiiti? Namoonni gaafa gi | BOON TECH

Namoonni si dhiisanii deeman kan akkamiiti?

Namoonni gaafa gidiraa kee si dhiisanii deeman, si ganan, si
baqatan,... kan akkamiiti?

Mallattoolee namoota kana ittiin adda baafattu keessaa muraasa!

1.Bu'aa mataa isaanii qofaaf sitti dhiyaatu

Namoonni akkanaa kan sitti dhiyaatan hamma faayidaa ta'e
tokko si irraa argatanitti qofa. Gaafa bu'aa sana sirra dhaban
hariiroon keessan adda cita. Noota bu'aaf si jaallatan waan
ta'eef, haala rakkisaa akkamittuu yoo dhufte dhimma kee hin qaban. Jaalalli faayidaa irratti bu'uureffame immoo haga haalli mijataan jiru qofatti tura. Gaafa haalli siif mijate sitti marsanii kolfu. Gaafa rakkatte achi buuteesaanii dhabda. Waan isaan barbaadan godhiif, garuu guyyaa gidiraaf rakkinaatif abdachuun kee dogoggora guddadha.

2.Gaafa si argan qofa sitti hoo'isu

Firoomni namoota akkanaa onnee isaanii irraa osoo hin taane arraba isaanii irra jira. Gaafa si argan jechoota jajannaa ajaa'ibsiisoo siif roobsuun si hoo'isu. Sirraa adda baanan ati addunyaa kana akka jirtu quba hin qaban. Yeroo sibira jiran si jajatu, yeroo sirraa adda bahan si hamatu. Arraba tokkoon waa'ee kee waa lama dubbatu. Waadaa seenuu baay'isu immoo hin raawwatan. Kanneen akkanaa yoomuu abdachuu hin qabdu!

3. Jireenya keetti hinaafu

Milkaa'ina keef kan dhoksaatti sitti hinaafu garuu hin mul'isan.
Ilkaan isaanii namoota milkii keef gammadan fakkaatu, fuula
isaanis siif ibsu. Keessa isaanitti immoo ibidda hinaaffaatiin gubachaa jiraatu. Isaan akkanaa qoree bishaan keessaa osoo hin argin si waraananiidha. Dandeettii fakkeesuu guddaa qabu. Arraba dhadhaa fi laphee dhagaa qabu. Kufaatin kee madda gammachuu isaaniiti. Isaan irraayis of eegi.

4.Namoota maal-dhibdeen jiraatan.

Namoonni tokko tokko uumamaan waan kamiifiyyuu bakka hin laatan. Rakkoofi gidiraan namootaa womaa itti hin fakkaatu, waan hundumaa xiqqeesanii ilaalu. isaan akkanaa jibba kee hin qaban, miidhama kees hin jaallatan. amala uumamasaaniirraa kan ka'e gaafa rakkinaa kee sibira hin dhaabbatan. Gaabbiinis isaanitti hin dhagahamu. Jireenya kee keessatti namoonni akkanaa si hin fayyadan, si hin miidhanis.
Amalli isaanii beekamaa waan ta'eef. Namoota akkanaa naaf
birmatu jettee hin eeggattu. Jireenya kee kan miidhus waan ati eeggattee dhabdeedha malee waan ati hin eegganne miti. Gaafa lafti nagaa nama nama irraa adda baasun waan ulfaatuf, namoota har'a si marsanii jiran kamtu gaafa rakkinaa akka siif ta'u adda baafachuuf si gargaara.

Kanan dubbiserraa
Facebook: Amiin Waaree

Join @hikma12