Get Mystery Box with random crypto!

. #BREAKING Gaavii jijjiiraa bilisaatiin kilabii kaaba landan | Galmee Ispoortii

.
#BREAKING Gaavii jijjiiraa bilisaatiin kilabii kaaba landan Cheelsiitti makamuuf akka dhuunfaatti tole jedhe(AS torbee dura)
(Fabrizio Romano) n dubbiin Gaavii dhugaa fakkaataa jirti. Anumattuu waan haaraya mariin taasifamee jira. Faana bu'ee bal'ina fidee dhufa jedhe. Oh Cheelsii!
Baarseloonaan Gaavii Laaligaa Ispaaniish irratti utuu hin galmeessine akkaadaamii Laameesiiyaa irraa fuudhanii kallattiin hirmaachisuun balleessaa guddaa fi adabbiif kan saaxilu tahee argame.
Pireezedaantiin Laaligaa Ispaaniish Jaaviyeer Teebaas torbee tokko dura "Baay'een gadda dogongorri akkasii uumamuu isaatti, Gaaviidhaa jennee seera Laaligaa hin jijjiirru" yoo jedhan dhagahee ture. Garuu amanuun dadhabe.
Luuyis Enerikeen torbee darbe landaniin dhufuun waa'ee Gaavii aanga'oota Cheelsii erga hubachiisanii kilabichi battalumatti gara Ispeen imaluun bakka bu'oota taphatichaa waliin mari'atanii walii galan.
Abbaan Gaavii obbo Ivaan Deelaapeenaan torbee kana abbaa qabeenyaa Cheelsii Ab Tood Buuhlii waliin marii gaggeeffamuuf beellama qabu. Waa'ee egeree urjii isaanii irratti mari'atu jedha(AS)
Odeessaa iccitii kan jedhe Gaazexaan guddichi warra Ispaaniyaa kun badhaafamaa badhaasa Goolden Booy fi kooppaa Gaavii kan fudhatu Cheelsiidha, Baarseloonaa harkatu cite jedheera.