2023-07-23 10:32:45
Bifaaf taanaan...
Ati jirbii, an eeleedha,
an kan jinniin haleeleedha!
ati gugee, an wakkallee,
asiin dhufnaan, gargar galle!
Horiis taatu...
Kee sanyiin abbaa qabeenyaa,
nuuf liqiin araada keenya!
Beeka kankee akka hin gitne,
kun ol kaanaan gargar citne!
Qomoo jennaan...
Kee lakkoofsi yeroo fixa,
koo sanyii kurupheen qixa.
kanas taanaan haal-dureenkee,
an deemeera gaanfureenkee
Haala jiruu keenya lachuu,
gaafan qaroo keessa galchu,
si hawwuunkoo mataan isaa,
ija-hin-fuunee na taasisa!
Maal ilaalee akkan dhufe,
maalumakeef akkan kufe,
hin-jirree uumee sin sobu,
nan gaafatin deebii hin qabuu!
Akeekakoo siif akeekee,
ibsuu baadhus, ibsa beekee...
Tarii kuni...
Itti-ergaa waaq, akka hoodaa,
bu'aa qaroo gara boodaa,
miira qophii sammuun alaa,
RIFUU-LIPHII ta'uu mala!
Aga Guda
@Walaloon_Jaalala
4.4K views07:32