Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የሰርጥ አድራሻ: @walaloon_jaalala
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 53.64K
የሰርጥ መግለጫ

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 15

2023-08-02 18:52:46 (......!)
Ati jechaa ooli
Halluunis kuulee
Simboo keen mul'isu

Erga natti cimee
Waa'een kee naa gaamee
Akkamiin si ibsuu?

Amaanu'eel Naggaa
@Walaloon_Jaalala
12.9K views15:52
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-29 14:27:08 ERGA WALIIN OODNEE

Lapheen koo ni rukuta
Riitiimii hin beekamne Dididim didimii - dibbee!
Garuu,
Yoon hin dogoggorre
''Deebi'itii kottu" muuziqaa jedhu sirbe.

Mubarek Sultan
Walaloo
15.7K views11:27
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-26 23:03:01 Na hamatta jedhan
Jaarsa kee ammaatti
Innis si waliin na hamata
Bakkuma hundatti

Dhiiratti hin heerumne
Dhiirri hin hamatu
Malee
Maqaa koo akka kaastuf
Fuula siif hin laatu

Yaa ta'u na hamadhu
Beeka an hamaadha
Kan na dinqe garuu
Nan irraanfanne jechuudhaa?

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala
16.3K views20:03
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-25 22:50:38 Bar tokko wal-garra!

Bara ati jaalattee
Onneekee mul’istu
An jabaa jilbakee
Baratti kuffistu

Baratti miidhamtee dhiifama gaafattu
Baratti dhugaakoo cubbuukoo yaadattu

Hin dagatiin!
Barri tokko jira baricha wal-garra
Baricha haaraatti deebinee wal barra!

DaaBee
@Walaloon_Jaalala
15.5K views19:50
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-25 18:32:56 Seexana Jedhiin

Ergaa Ajaa'ibaa



https://vm.tiktok.com/ZM2gg5rsW/
14.7K views15:32
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-24 21:11:35 Seexana Jedhiin

Ergaa Ajaa'ibaa


https://www.tiktok.com/@kaachuu_yw/video/7259260688382643462?_r=1&u_code=e52c50efb3g34h&preview_pb=0&sharer_language=en&_d=e4af186jd8hd77&share_item_id=7259260688382643462&source=h5_m×tamp=1690222207&user_id=7168493982644274181&sec_user_id=MS4wLjABAAAAzYdYRcC0UTnCd5xsCNBE6W_hJuo2oNubL0E_0LTJZ1PcfVrQq4LRdxyxcFseXJe0&social_share_type=0&utm_source=copy&utm_campaign=client_share&utm_medium=android&share_iid=7257718829081200390&share_link_id=a3467a35-6ceb-4f5a-8e3c-4392d7b3638a&share_app_id=1233&ugbiz_name=Main&ug_btm=b8727%2Cb2878
1.8K views18:11
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-23 10:32:45 Bifaaf taanaan...
Ati jirbii, an eeleedha,
an kan jinniin haleeleedha!
ati gugee, an wakkallee,
asiin dhufnaan, gargar galle!

Horiis taatu...
Kee sanyiin abbaa qabeenyaa,
nuuf liqiin araada keenya!
Beeka kankee akka hin gitne,
kun ol kaanaan gargar citne!

Qomoo jennaan...
Kee lakkoofsi yeroo fixa,
koo sanyii kurupheen qixa.
kanas taanaan haal-dureenkee,
an deemeera gaanfureenkee

Haala jiruu keenya lachuu,
gaafan qaroo keessa galchu,
si hawwuunkoo mataan isaa,
ija-hin-fuunee na taasisa!

Maal ilaalee akkan dhufe,
maalumakeef akkan kufe,
hin-jirree uumee sin sobu,
nan gaafatin deebii hin qabuu!

Akeekakoo siif akeekee,
ibsuu baadhus, ibsa beekee...

Tarii kuni...
Itti-ergaa waaq, akka hoodaa,
bu'aa qaroo gara boodaa,
miira qophii sammuun alaa,
RIFUU-LIPHII ta'uu mala!


Aga Guda
@Walaloon_Jaalala
4.4K views07:32
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-22 00:06:15 Ajaab jaalalaa kee
Argaa na macheessaa
Namatti nan dubbisuu
Amalaa na balleessaa
~
Maal taatee jedhuu
Yoon nyaaraa guuruu
Argaa na jibbiisiisaa
Nama waliin turuu
~
Yogguun siiyaaduu
Dacheef samiin beekuu
Nama fayyaa na se'uu
Yennaan kolfee seequu
~
Maalumaan na tuqxee
Maaloo guyyaa Sanaa
Jiruu koo keessaattii
Ta'en beekuu akkanaa
~
Gatii tokkoo malee
Onnee koo fudhattee
Osoo oltee hin buliin
Miiraa koo dhunfattee
~
Jireenyii koo simalee
Hiikoo naaf hin qabuu
Akkan sii jaaladhuun
Yoomillee siin dhabuu
~
Karaan  jireenyaa koo
Iciitiin isaa siif galee
Jiruun adda hin baanuu
Yoo du'aan ta'ee malee
~
Siin maraarsifadham
Lubbuu koo caalaa
Dhibee onneekoos
Sibiraattin yaalaa
~
Rifeeralaa onnee koo
Yaa ogeettii jaalalaa
Simalee dhibeen koo
Takkan qabu malaa
~
Daangaa onnee koo
Hundaasaa to'attee
Gubaa kessaa jiruus
Maraasaa do'attee
~
Akka barbaadde gootaa
Gariin na waraantee
Sii maraarran ammoo
Gaabbite na wal'antee
~
Beekaan qaata jaalatee
Lugni ammayu ni mugaa
Waan ofii luccee tiyyaa
Ibsituu jaalalaa dhugaa
~
.....Humnasaa
@Walaloon_Jaalala
5.3K views21:06
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-21 18:12:40 Ennaan si argu
maafan birradhaa
Maqaa kee dhaga'u
maafan rifadhaa

Suura kee ilaalee
maltu na seeqsisaa
Abjuun koo si qofa
maaf nagarsiisaa

Si malee yaada
maalumaafan dhabee
Otuun nyaadhuu
maalifan si agabee

Jedheen gaafadhu
beeka deebisaa
Mootii garbaaf
kan kuffisudha waansaa

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala
5.4K views15:12
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-19 23:16:09 ANAAF ATI ...

Imimmaan keenya yoo roobu
Kan hin caalle wacaaf oduu
Abbaan arge golaa yaa'e
Bakka shanitti kan nu qoodu

Sagaleen keenya kiiloleen
Gaafa sirbaaf waca dirree
Tulluu ba'ee kan garmaamu
Gaafa qabsoo kan hin jirree

Hundee asii gadi nu haleelee
Nu godhatee tumaaf moonyee
Anaaf ati garuu eenyuudha
Imimmaan yaadaa kan boonyee ?

# belina
@Walaloon_Jaalala
7.4K views20:16
ክፈት / አስተያየት ይስጡ