Get Mystery Box with random crypto!

Osoon ishii eeguu Umuriikoo gubee Tuffii ishiin naaf qabdu Nam | Walaloon Jaalala

Osoon ishii eeguu
Umuriikoo gubee
Tuffii ishiin naaf qabdu
Namummaakoo hube

Eerga filannoon ishii
Haala irratti hundaa’ee
Fooliin dhaba kiyyaa
Eerga itti ajaa’ee

Ishii eegaa hin hafu
Gitakoon barbaaddadha
Kulkula onnee kiyyaa
Taa’een wal’aannadha

Lammataa deebi’ee
Dura ishii hin dhaabadhu
Maqaadhuma ishiiyyuu
Tasa hin yaadadhu

Silaa ani jaaladhus
Naaf hin qabduu dhiimmaa
Anis deemeen jiraa
Nagaa itti naaf himaa!

#Bilisummaa_Shibbiruu