Get Mystery Box with random crypto!

Ergan gulantaa jiruu koo, mashaafi ribuuko Waamama keen haguug | Walaloon Jaalala

Ergan gulantaa jiruu koo, mashaafi ribuuko
Waamama keen haguugee
Se'annaan ofiikoo, ta'innaa shakkiikoo
Jaalalli kee jaalalaan duguugee

Aniyyuu of ganee, ergan sin dhokfamee
Agartuun argaa keef, laboobaan sookamee

Waa'ee kee haasa'uun, maqaan kee dhadha'uun
Taa'ee waa'ee keef, kophaa yaa’ii taa'uun

Mootii biyyaan alaa, kan sabni harka reebneef
Teessoo isaaf taa'ee, kan ormi irra teenye

Kan tokkittin filtee, kan kophaa moosisfte
Tokkicha moosisuuf, kan kuma joorsite

Ergan ta'ee, siif ishee jiraattu
Waamama keef, ishee dursa owwaattu
Osoon jiruu, hafuurri koos hafuurfatu
Cigoo ciree, hancuufni koo sin darbatu

An si taanaan, atis ana
Dhoksaan keenyas isa kana

Milkii Magarsaatiin!
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala