Get Mystery Box with random crypto!

'Yaa Simbirroo fudhadhu Ilkaankoo ishee bareedduu Kan keetu na | Walaloon Jaalala

"Yaa Simbirroo fudhadhu
Ilkaankoo ishee bareedduu
Kan keetu na marara
Fokkistuukee naa laadhu"

Dhuguma jedheera
Ammammoo gaabbeera

Ilkaankoo isee aannanii
Ilkaankoo ilkaan beeree
Isan siif laadhen yaade
Eessa jira inni meerre?

Simbirrittii ijoollummaa
An ammasoo akkasuma

Bulee naagala
Erga darbee
Qalbii qabdaa?
Gaabbiin jibbe

Simbirrittii ijoollummaa
Dhoksadheetan sittima
Qalbii bicuu naa kenni
Ilkaankee siin deebisa
Gaabbiikoo fudhu malee
Kankooyyuu siin eebbisa

Lalisee Mokonnon
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala