Get Mystery Box with random crypto!

Harmee Biiftuu qarri baatu Hirribarraa kaata Galaana rakkoo d | Walaloon Jaalala

Harmee

Biiftuu qarri baatu
Hirribarraa kaata
Galaana rakkoo daaktee
Galaa anaaf taata

Dadhabe hin jettu - Dugda keetti baattee
Ofiif hin boqonne - Boqonnaa naaf laatte
Rakkoo hin himattu - Kan kiyyaaf yaaddofta
Nan bareeda hin jettu - Anaaf daalachoofta

Gaara baatee daka buutee
Dafqa kan kee xuruurfatta
Dadhabbii kee of dhokfattee
Guddisa koof shan gugguufta

Harkaa dhabdus yoom waakkatte
Anaaf jecha ifatamte
Dungoo taatee anaaf iftee
Ofiif dhumtee kan dhabamte.

Si'if akkam jedheen
Maal barreessaa?
Jecha kamtu si adeessaa
Bakka qabda ana keessaa

Jecha filee yoon qubeessu
Oolmaa kan kee hin addeessu
Osoo addunyaan si jedhamee
Innuu sin gitu bar harmee!

Milkii Magarsaa
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala