Get Mystery Box with random crypto!

Biriitaaniyaa keessattidha. Dubartiin tokko karaa guddaa irra | 🍁Student Of Muslim

Biriitaaniyaa keessattidha. Dubartiin tokko karaa guddaa irra qullaa ishee oliif gadi deddeemaa jirti, yeroo xiqqoo booda gara taaksii karaa cina dhaabbatanii imaltoota eegan keessaa gara isa tokkootti ol seente. Konkolaachisaan sun nama lammii chaayinaa ture. Yeroo ishee argatti haallishee bitaa itti galuun dinqisiifatee rifeensa mataa ishee irraa kaasee hanga qeensa miilla isheetti deddeebi'ee ilaaluu jalqabe. Dubartittiin waan tokko akka waan hin uumamne fakkeessitee deemuu bakka barbaaddus dubbattee akkanni deemsa jalqabu ijaan ajajje. Konkolaachisichi garuu gaaffiin isaaf hin deebine waan jiruuf miillaa hanga mataa isheetti ilaaluu isaa itti fufe. Yeroo kanatti dubartittiin "dubartii uffata hin uffanne argitee hin beektuu?" Jettee ija itti babaafte. Konkolaachisichi tasgabbiidhaan deebisee "obboleettiiko... an bitaa natti galee kanan si ilaalaa jiruuf qullaa waan taateef na dhibee utuu hin ta'in.. gatiin si tajaajileef qarshii naaf kaffaltu eessa akka gootee jirtu gaaffii natti ta'eeti"
~Argitee obboleessako biyya lafaa kanarratti akkuma shufeerii lammii chaayinaa sana kan ati itti xiyyeeffachuu qabdu wanta si ilaallatu qofa ta'uu qaba. Waan si hin galchine keessa galtee yoo oliif gadi borcite jireenyakee keessatti waan gaarii si fayyadu tokko waan dabaltu hin qabdu. Humni kee hamma danda'etti namootaaf gaarii godhi. Jireenya namoota dhuunfaa garuu abbaamasaaniitiif dhiisi.

JOIN and SHARE
@Abdii_Official
@Abdii_Official