Get Mystery Box with random crypto!

Dhangalaasi! Baayyeen isaanii keessi isaanii dhiita'aadha. | ᎪᎪᎠᎪᎪ ϴᎡϴᎷϴ ①⚫️🔴⚪️]

Dhangalaasi!

Baayyeen isaanii keessi isaanii dhiita'aadha. Yeroo hunda sirriidha, bareedoodha, beekoodha, taphatoodha, kan kabajamanidha, kan jaallatamanidha, hundumtuu kan guuteefidha, eenyu irraayyuu homaa hin barbaadan, eenyuun hin kadhatan, waan kamiifiyyuu hin dadhaban, manni isaanii guutuudha, fayyaa kan qabanidha, nagaaf gammachuu qabu, yeroo hundaa isaantu sirriidha, wanta itti hir'ate hin qaban....

....Kun hundi garuu ija ofii isaaniitiinidha.

Ija namoota isaan ilaalaniitiin dhugaan namoota kanaa kanbiraadha. Of jajoodha, of tuuloodha, hundumtuu nan darbin warra jedhanidha, fakkeessitootadha, fayyaan kan isaanirraa fagaatedha, jibbamoodha, arrabsitootadha, waan dubbatan hin beekan, waan godhan hin hubatan, miira isaaniitiin hoogganamu, maal naan jedhuu hin beekan, ofii isaanii sobu, namoota kan biraa akkanumaan inaafsisu, of dhaggeeffachuu hin beekan, kaayyoo hin qaban, bilchinni itti hir'ata.....

....Akkaataa ittiin nuti of ilaalluuf akkaataa namoonni ittiin nu ilaalan tokko miti. Nuti guutummaa guutuutti gaarii akka taane gaafa yaannu namootni nu waliin oolan hiriyoonni keenya dhiyoo garuu waayee hammeenya keenyaa aariidhaan kan dubbatan ta'uu danda'a. Sababnisaa safartuun keenya nuti ofiif kenninu baayyee guutee xiqqooma ishee iyyuu xiqqeessuu hin yaallu. Safartuun keenya guutee kufaatii keenya hundaatiif sababa ta'e
#Oftuulummaa (pride) jedhama.

Of tuulummaan keessa keenya guutee hir'isuudhaaf qophaa'aa yoo  hin taane eessayyuu gahuu hin dandeenyu. Jijjiiramni baayyeen isaanii xiqqoo irraa jalqabu. Baraadha jedhamuutu sirra jiraata. Barataa ta'uu qabda. Dogoggora hojjechuu qabda. Wantootni kun immoo of tuulummaa "of jaja" waliin hin deeman. Jijjiirama gaafa barbaaddu of tuulummaa ofirraa fageessuutu sirra jiraata.

'Burcuqqoo' kee duwwaa godhi. Kan biraa dhuguu kan barbaaddu yoo taate, isa haaraa fi adda kan ta'e dhandhamuu kan barbaadu hundi kana gochuutu irra jiraata. Kana jechuun garuu dirqama ulfina kee gatuu qabda jechuu miti. Namni of tuulaa fi namni ulfina isaa eeggatu adda addadha. Inni tokko addunyaa isaa keessatti guddatee akka fixee fi eenyu irraayyuu homaa akka hin barbaanne yaada. Inni lammaffaammoo guddinaafi jijjiirama isaa aadaa fi duudhaa seeraa fi amantii wajjiniin faallaa tokko malee akka deemuu fi sarara kanaa ol ta'e akka qabatuuf fuulleetti jabaatee adeema. Filannoo adda addaa lama.

Of tuulummaa yoo qabaatte ofii kee huutee of ajjeesaa jirta. Riqicha guddinaafi jijjiiramaa diigdeetta. Of tuulummaa jechuun dhibaa'ummaa waan ta'eefi, waan dubbatamu dhaga'uu dhiisuu waan ta'eefi, kan biroorra nan caala jechuun yaaduu fi kan biroo xiqqeessuu waan ta'eefi. namni of tuulaan eenyummaa lama qaba. Namoota isaa gadii biratti gaafa arginu amala nuti arginu jira. Bakka isa irra caalurra kan jiran amalli inni ittiin keessummeessu ni jira. Of tuultonni kanaan adda baafamu. 'Burcuqqoo' (xaasaan) kee kan baatee jiru kanadha. Lafa irrattis waaqa irrattis amala kee kan xureessuu danda'u dhukkuba of tuulummaa jedhamu kanadha. Isa kana dhangalaasiitii jireenyakee bakka dhaabdee jalqabi! Of tuulummaa keessa yoo jiraatte jireenyikee hamma har'aa jireenya hin turre.

'Burcuqqoo' ykn xaasaa kee duwwaa godhi!

JOIN
@Abdii_Official
@Abdii_Official