Get Mystery Box with random crypto!

Artist #Falmataa_kabbadaa_430 Jedhe Amuruun! Oromoo gaafa ra | Save Oromia

Artist #Falmataa_kabbadaa_430

Jedhe Amuruun!

Oromoo gaafa rakkoo
Oromoo gaafa gaddaa
Utuu ani rasaasan dhumu
Akkamiin sirbitee ragadda!

Qabeenyatu saamamee
Ilmaan kiyyatu wareegame
Kanaafan gaafa gaddakoo
Si waammachuf sardamee
Maallaqa hin barbaadu
Anaaf ta'i sagalee

Simalee hoomaa hinqabu
Akka dhaabaa dagalee
Naaf dirmadhu Tuulamaa
Naaf dirmadhu Sikkoo
Cabakoo situ dhidhibaa
Gaafa dhabuuf rakkoo

Naaf dirmadhu Gujii
Naaf birmadhu Booranaa
Ormi hinsoba fira miti
Situ natti aanaa
Naaf biramdhu Harargee
Naaf biramdhu Walloo
Qaamni keenya tokko
Karaa cufaaf Waloo

Naaf birmadhu Baalee
Naaf birmadhu Karrayyuu
Firaa tokkos hinqabu
Har'as ta'u boriyyuu!
Naaf birmadhu Iluu
Naaf birmadhu Jimmaa
Ajjeechaa qe'ee kiyyaas
Si qofaatu naaf dhimmaa!430