Get Mystery Box with random crypto!

Gaaffilee Ortodoksootaa hatattamaan deebii Mootummaa barbaadan | ✞ግቢ ጉባኤ✟

Gaaffilee Ortodoksootaa hatattamaan deebii Mootummaa barbaadan!
1. Ergaalee fi qabiyyeen Heera mootummaa, ejjennoo siyaasa partilee, Barumsa idilee fi qabiyee midiyaalee keessaatti kalaqamuun Ortodoksootaa fi Barumsa Ortodoksii jibbaa fi balaa adda addaaf saaxilan hatattamaan seeraan akka dhorkaman.
2. Ortodoksoota adda baasee Carraa hojii kan dhorku, angoo itti gafatamummaa mootummaa keessatti akka gahee hin arganne, carraa qabeenya horachuutti akka hin fayyadamne kan taasisu, Caasaan mootummaa Amantaa sadarkaa federaalaa hanga gandaatti diriire hatattamaan dhaabbatee, Amantaa kan bu’uureffate osoo hin taane Ummata giddu gala kan godhate ta’uun isaa hojiin akka mul’atu.
3. Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahido Itophiyaa shira siyaasaatiin qooqaaniifi Sabaan diiguuf yaaliin taasifamu, akkasumas maqaa qorannoo sayinsiitiin shirriiwwan tokkummaa Mana Kiristaanaa diiguuf taasifaman akka dhorkaman.
4. Gochaaleen Ortodoksoota dimshaashaan ajjeesuu, qe’ee isaaniirraa buqqisuu, miiraan daraaruu, Mirgoota isaanii sarbuu, hirmaannaa Siyaasaa fi waltajiilee biyyoolessaa keessaa fo’u hatattamaan akka dhabbatan.
5. Yaakkawwan hanga Ammaatti Mana Kiristaanaa fi Ortodoksoota irratti rawwatamaniif yakkamtoonni seeratti akkaa dhiyaatan. Akkasumas midhamtoonni hundii fi kanneen qe’ee isaaniirraa buqa’an Beenyaa fi gumaa akka argatan.
6. Guutuu biyyatitti Ortodoksoonni qe’ee isaaniirraa buqa’an hatattamaan gara qe’ee isaanitti akka deebi’anii fi mirigi isaanii akka kabajamu.
7. Moqsa Itoophiyaa ishee haraa ijaarra jedhuun Ashaaraa fi Mallatoolee seenaa Ortodoksii balleesuuf adeemsi taasifamu hatattamaan akka dhaabbatuu fi shira ummatarratti jalqabame kanaaf ifaan dhiifamni akka gaafatamu. Gochaaleen badii rawwatamanis akka sirreeffaman.
https://chng.it/2zsqkZ9QLN