Get Mystery Box with random crypto!

NU HIN FAYYADU HAA DHIIFNU !!! ➲ Yoo wal fayyaduu dadhabne, | Jaalala Dhugaa

NU HIN FAYYADU
HAA DHIIFNU !!!

➲ Yoo wal fayyaduu dadhabne, wal miidhuu haa dhiifnu!
➲ Yoo walitti araarsuu dadhabne wal irratti kaasuu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal eebbisuu dadhabne wal abaaruu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal jaalachuu dadhabne wal jibbuu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal gammachiisuu dadhabne wal mufachiisuu
haa dhiifnu!
➲ Yoo walitti siquu dadhabne wal irraa siquu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal jala deemuu dadhabne wal jalaa deemuu
haa dhiifnu!
➲ Yoo dhugaa walitti himuu dadhabne wal sobuu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal sirreessuu dadhabne wal jallisuu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal amanuu dadhabne wal shakkuu haa dhiifnu!
➲ Yoo wajjin qabsaa'uu dadhabne walitti qabsaa'uu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal jabeessuu dadhabne wal laaffisuu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal gorsuu dadhabne wal dogoggorsuu haa dhiifnu!
➲ Yoo wal guddisuu dadhabne wal xiqqeessuu haa dhiifnu!

Waan dubbiftaniif galatoomaa! Hiriyoota keessan biraan gahuuf share godhaa!
  Liinkii gadi Kanaratii Tuqii

  »‌»»‌ »»‌»
http://bit.ly/3yX1Bhb
http://bit.ly/3TuxbvX