Get Mystery Box with random crypto!

Helan Kelar: Qaroo Dhabeettii Mallattoo Biyyoolessaa Qaroomina | Cooperative Bank of Oromia

Helan Kelar: Qaroo Dhabeettii Mallattoo Biyyoolessaa Qaroomina Ameerikaa!
Helan Kelar Waxabajji 27, 1880 ALA Ameerikaa Kutaa Alabaamaa dhiha Tuskumbiyaatti dhalatte. Sababa dhibee irraan kan ka’e, dhalattee ji’a 19 booda, qaroo / agartuu ija isheefi dhageettii gurra ishee dhabde. Helan mana keessatti matii ishee waliin walii galuuf mallattoolee muraasa shaakaluu eegalte. Umurii ishee waggaa torbaan booda nama ilaalcha ishee jijjiiree, egeree ishee milkeessu, nama Aannee saliivaan jedhamu waliin wal barte. Namni kun barsiisaa fedhii Addaa (special need) yommuu ta’u Helan dandeettii barreessuufi dubbisuu akka gabbifattu taasisuun, daandii itti mul’ise.
Kelar mana barumsaa mootummaafi dhuunfaa keessatti, barnoota ishee haalaan hordofuun barattoota qaxalee jedhaman keessaas ishee tokko ta’uu dandeesseetti.
Kana boodas Kelar Yuunivarsiitii Haarvaard Kolleejjii Radkiliifitti barachuun, Ameerikaa keessatti namoota qaroo dhabeeyyii fi gurraan hin dhageenye keessaa ishee duraa ta’uun, digrii jalqabaa argatteetti.
Helan kelar gama Barnootaan milkaa’ina gonfatteen, addunyaa Aartii keessatti gahee olaanaa bahattee jirti. Kitaabota gurguddoo 14fi barreeffamoota haasawaa, waltajjii gurguddoo irratti dubbifaman heddu barreessiteetti.
Barreessituu, falmituu mirga Qaama Miidhamtootaa, qabsooftuu siyaasaafi barsiistuu ta’uun tajaajiluun Ameerikaa keessatti maqaan ishee ol ka’ee akka waamamu ta’eera.
Bakki dhaloota ishee akka Mallattoo Biyyoolessaatti moggaafamee kunuunfameera.
_ bu’aa ba’iin kam illee yo jiraate, Ifa Xiqqoo Nu keessa jirtu cichoominaan hordofuun kan deemnu yo ta’e Mul’ata keenya galmaan nii geenya.
-Carraan barumsaa fi haalli mijataan jiraatee, tattaaffiin abbaa itti dabalamee jennaan, miidhamni qaamaa milkaa’ina irraa nama danquu hin danda’uun, ergaa keenya.


ሄለን ኬለር ፦ ማየት የተሳናት የአሜሪካ የስልጣኔ ብሔራዊ ምልክት!
ሄለን ኬለር እ.አ.አ ሰኔ 27 ፤ 1880 በአሜሪካ አላባማ ግዛት፣ ቱስኩምቢያ ምዕራባዊ ክፍል ተወለደች። ባጋጠማት ህመም ምክንያት ከተወለደች ከ19 ወራት በኋላ የማየት እና የመስማት ችሎታዋን አጣች። ሄለን ቤት ውስጥ ከቤተሰቦችዋ ጋር ለመግባባት የሚያስችሏትን የተወሰኑ ምልክቶችን መለማመድ ጀመረች፣ ከሰባት ዓመታት በኋላ አመለካከቷን የቀየረና ቀጣይ ህይወቷን ያፈካ አኔ ሳሊቫን ከተባለ ሰው ጋር ተገናኘች። እሱ ደግሞ የልዩ ፍላጎት (special need) መምህር ሲሆን የማንበብና መፃፍ ችሎታዋን እንድታዳብር በመርዳቱ መንገድ ከፈተላት።
ኬለር ትምህርቷን በመንግስት እና በግል ትምህርት ቤቶች በመከታተል በጣም ጎበዝ ከሚባሉ ተማሪዎች መካከል አንዷ ለመሆን ቻለች።
በመቀጠል ኬለር በሃርቫርድ ዩኒቨርሲቲ ራድክሊፍ ኮሌጅ ገብታ የመጀመሪያ ዲግሪዋን በማግኘት በዩናይትድ ስቴትስ የመጀመሪያዋ መስማትና ማየት የተሳናት ተመራቂ ሆናለች።
ሄለን ኪለር በትምህርት ዘርፍ ካስመዘገበችው ስኬት ባሻገር በኪነጥበብ ዓለሙም ትልቅ ሚና ተጫውታለች። ከዚህም ሌላ 14 አበይት መጽሃፍትን ጽፋ ለአንባቢዎች ስታበረክት በትላልቅ መድረኮች የተነበቡ በርካታ ንግግሮችንም አዘጋጅታለች።
ደራሲ፣ የአካል ጉዳተኞች መብት ተሟጋች፣ የፖለቲካ ታጋይና አስተማሪ ሆና በማገልገል በአሜሪካ ስመገናና ለመሆን በቅታለች።
የትውልድ ቦታዋም እንደ ብሔራዊ ምልክት ተቆጥሮ ተጠብቆ ቆይቷል።
-ምንም አይነት ፈተና ቢገጥመን በውስጣችን ያለውን ትንሽ ብርሃን በትጋት መከተላችንን ከቀጠልን ራዕያችንን እናሳካለን።
-የትምህርት ዕድልና ምቹ ሁኔታ ኖሮ የባለቤቱ ጥረት ከታከለበት አካል ጉዳተኝነት ከስኬት አያግድም፣ መልዕክታችን ነው።

#Coopbank #MondayMotivation #Vision #Hardwork #Ethiopia