Get Mystery Box with random crypto!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, bara bajataa 2022/23 ALAtti gu | Cooperative Bank of Oromia

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, bara bajataa 2022/23 ALAtti guddina hundagaleessa galmeessiseen dorgomtummaasaa daran cimsee itti fufuu yaa’ii waliigalaa idilee waggaa 19ffaa Abbootii Aksiyoonaa baankichaa har’a magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti taa’ame irratti ibsameera.
Gabaasa raawwii hojii baankichaa kan bara bajataa 2022/23 Dura Taa’aan Boordii Daayrektarootaa baankichaa Dr. Fiqruu Deeksisaan dhiyeessaniiru. Gabaasa raawwii bara bajataa darbe dhiyaate keessaa;
• Baankichi bara bajataa kanatti olkaawwannaan isaa, dhibbentaa 20.13 guddachuudhaan Qarshii biiliyoona 116.25 ol gaheera
• Baankichi bara bajataa kanatti sekteroota diinagdee garaa garaatiif Qarshii biliyoona 31 liqii kan kenne yoo taú, waliigalatti liqiin baankichaan kennamee ala jiru Qarshii biiliyoona 101.91 gaheera.
• Baankichi bara bajataa kanatti gibira dura bu’aa Qarshii biiliyoona 3.39 kan argate yoo ta’u, kunis kan bara darbee waliin yoo ilaalamu dhibbentaa 19.4n caalmaa qaba.
• Tajaajilawwan fedhii hawaasaa bu’uureffateefi dhaqqabamaa ta’e dhiyeessuun bara bajataa kanatti dabalataan maamiloota miliyoona 2.24 horachuun baay’inni maamilaa baankichaa xumura bara bajataa kanatti miliyoona 11.2 gahuun, baankichi baay’ina maamilaatiin baankolee dhuunfaa keessaa adda durummaasaa cimsee itti fufeera.
• Kaappitaala aksiyoonaa dabalataa Qarshii biiliyoona. 2.28 walitti qabachuun xumura bara bajataa kanaatti kaappitaalli baankichaa waliigalaan Qarshii biliyoona 10.02 gahee jira.
• Dameewwan haaraa 145 banuun walumaagalatti baay’inni dameelee baankichaa xumura bara bajataa kanatti 738 kan gahe yoo ta’u, gama dijitaalawaatiinis dhaqqababummaasaa daran babal’isuun lakkoofsi waliigalaa herreega moobaayilaa hojiirra jiru mil.4.8 qaqqabee jira. Sochiin maallaqaa tooftaa dijitaalawaan taasifame, sochii maallaqaa waliigalaa baankichaa keessaa dhibbentaa 63.1 qabata.
• Waxabajjii 30,2023tti qabeenyi waliigalaa baankichaa, Qarshii biiliyoona 140.3 ol gaheera.

Gabaasa dhihaateen alattis dhimmoota garaa garaa irratti abbootiin qabeenyaa baankichaa mari’achuun murtoo garaa garaa dabarsaniiru.

የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ እ.ኤ.አ በ 2022/23 ባስመዘገበው ሁለንተናዊ እድገት ተወዳዳሪነቱን አጠናክሮ መቀጠሉን በአዳማ ከተማ አባገዳ አዳራሽ ዛሬ ባካሄደው 19ኛው የባለ አክሲዮኖች ዓመታዊ መደበኛ ጠቅላላ ጉባኤ ላይ አስታውቋል፡፡
የባንኩን የ2022/23 የሥራ አፈፃፀም ሪፖርት የባንኩ የዳይሬክተሮች ቦርድ ሰብሳቢ በ ዶ/ር ፍቅሩ ዴክሲሳ ቀርቧል፡፡ በቀረበው ሪፖርት ላይ እንደተመለከተው፣
- በበጀት ዓመቱ የባንኩ ተቀማጭ በ20.13 በመቶ በማደግ ብር 116.25 ቢሊዮን ደርሷል፡፡
- ባንኩ በዚህ በጀት ዓመት ለተለያዩ የኢኮኖሚ ዘርፎች የብር 31 ቢሊዮን ብድር የሰጠ ሲሆን በአጠቃላይ በባንኩ ተሰጥቶ ውጭ የሚገኝ ብድር መጠን ብር 101.91 ቢሊዮን ደርሷል፡፡
- ባንኩ በዚህ በጀት ዓመት ከግብር በፊት ብር 3.39 ቢሊዮን ትርፍ ያገኘ ሲሆን ይህም ባለፈው ዓመት ተመሳሳይ ወቅት ከነበረው የ19.4 በመቶ ብልጫ አለው፡፡
- የማህበረሰቡን ፍላጎት መሰረት ያደረገና ተደራሽ የሆነ አገልግሎት በመስጠቱ በበጀት ዓመቱ 2.24 አዳዲስ ደንበኞችን በማፍራት በበጀት ዓመቱ ማብቂያ የደንበኞቹን ቁጥር 11.2 ሚሊዮን በማድረስ ከግል ባንኮች ቀዳሚነቱን አጠናክሮ ቀጥሎበታል፡፡
- ባንኩ በዘመኑ ብር 2.28 ቢሊዮን ተጨማሪ የአክሲዮን ካፒታል ሲሰበስብ በበጀት ዓመቱ መጨረሻ አጠቃላይ የአክሲዮን ካፒታሉ ብር 10.02 ቢሊዮን ደርሷል፡፡
- የአገልግሎት ተደራሽነትን በተመለከተ በበጀት ዓመቱ 145 አዳዲስ ቅርንጫፎችን በመክፈት በአጠቃላይ የባንኩ ቅርንጫፎች ብዛት 738 የደረሰ ሲሆን በዲጂታል አገልግሎትም ተደራሽነቱን እጅጉን በማስፋቱ በሥራ ላይ የሚገኝ የሞባይል ደንበኛ ቁጥር 4.8 ሚሊዮን አድርሷል፡፡ በዲጂታል ስልቶች የተከናወነ የገንዘብ እንቅስቃሴ ከባንኩ አጠቃላይ የገንዘብ እንቅስቃሴ 63.1 በመቶ ይይዛል፡፡
- ሰኔ 30፤2023 የባንኩ አጠቃላይ ሀብት ብር 140.3 ቢሊዮን ደርሷል፡፡

ከቀረበው አፈፃፀም ሪፖርት ባሻገር የባንኩ ባለ አክሲዮኖች የተለያዩ ነጥቦች ላይ በመምከር ውሳኔዎችን አሳልፈዋል።
#coopbank #coopbankshareholders