Get Mystery Box with random crypto!

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa fi naannoo 8ffaa bara 2012 | MOE (Ministry of Education) OROMIA

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa fi naannoo 8ffaa bara 2012 barnoota Samisteera 3 qofa of keessaatti kan haammate ta'uu Ministirri Barnootaa beeksise.

Bu'uuruma kanaan qormaannii kutaa 12ffaa, barnoota kutaa 11ffaa samisteera lamaanii fi kan kutaa 12 samisteera jalqabaa adeemsa qormaata baasuu keessatti hammatama.

Haaluma walfakkaatuun qormaata kutaa 8ffaa barnoota kutaa 7ffaa samisteera lachuu fi kan kutaa 8ffaa immoo kan samisteera jalqabaa qofatu qormaata kutaa 8ffaa keessatti ni haammatama.

Manneen barnootaas barnoota samisteera sadan kana keessatti baratamaan barnoota dabalataa guyyaa 45f barattootaaf akka laatan himaniiru.

Baratoonniis qormaata biyyaaleessaa kan kutaa 12ffa fi qormataa kutaa 8ffaaf haalaan of qopheessuu akka qaban ministerichi dhaamaniiru.

Qormaanni kutaa 12ffaa bara kanaa onlaayiniin kennamas jedhaamera.

@kelo_media